Mormii Irreechaa Hora Arsadee Bara Darbeetiin Wal-qabatee Abban Alangaa Namoota Lama Himate

Mormii ayyaana Irreechaa hora Arsadee bara darbee, Onk. 2, 2016, Bishooftuu, Oromiyaa

Himannaan abba alangaa "Tufaa Malkaa,Irreecha irratti jaarsoliirraa maayikii saamuun jeequmsa uumuun, Kadir Badhaasoo namni jedhamu immoo waltaajii duubaa taa’ee bilbila fayyadamuudhan jeequmsa qindeessaa ture jedha.

Ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2 bara 2016 irratti jeequmsa kakaasuun du’a namoota 55f sababaa namoonni jedhaman guyyaa harraa himannaan irratti baname.

Your browser doesn’t support HTML5

Mormii Ayyaana Irreechaa Bara Darbeetiin Wal-qabatee Namoota Lama Irratti Himannan Baname

Gaabaasni Faanaa Brooddkaastiing Korporeetii akka mullisutti abbaan alangaa namoota lama: Tufaa Malkaa,Irreecharratti jaarsoliirraa maayikii saamuun jeequmsa uumuun, Kadir Badhaasoo namni jedhamu immoo waltaajii duubaa taa’ee bilbila fayyadamuudhan jeequmsa qindeessaa ture jedha.

Miidiyaaleen gaafas achitti argaman “Daawon Daawon Wayyaanee” dargaggoo jechaa ture viidiyoodhan warabanii gabaasuun hin yaadatama.

Dargaggoon sun, Gammadaa Waariyoo, amma jiruu baqaatiin Masrii jira. Himanna abbaan alangaa bane laachisee guyya gaafasii waan argee fi waan beeku akka nuu ibsu gaafaneerra.

Gammadaa Waariyoo

Akka inni jedhutti abbootiin gadaa ofiif "namoota tasgabbeessaa" jedhanii dargaggootatti maayikii kennan malee namni tokko harka isaanitii hin fune.

Darbees, ofii isaatii aarii qaburraa ka’e gara waltajii bahuu usaa dubbata.

Your browser doesn’t support HTML5

Ayaana Irreechaa Bishooftutti Sambat-duraa darbe danqame irratti reefa namoota dhumanii boolo keessaa baasudhaa warra achtti kaleessa tattaafachaa turan keessa tokko maatiin mana tokko namni shan jalaa du'e jiraachuu dubbata