Oromiyaa Lixaa Bakkawwan Tokko Tokkotti Tajaajilli Geejjibaa fi Interneetii Addaan Cite, Jedhama 

Faayilii - Namoota bilbila laalaa konkolaataa eeggatan, Dambi Doolloo

Oromiyaa Lixaa, bakkawwan tokko tokkotti tajaajjilli geejjibaafi intarneetii addaan cite jechuun jiraattota keessaa hagi tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa gama isaatiin, “Qaamoleen “ABO Shanee” inni ittii jedhu, Oromiyaa Lixaa bakkawwan tokko tokkotti daandii cufuuf yaalii godhanii jiru, “ jedhee, garuu daandiin cufame akka hin jirretti dubbata. .

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa ammoo, hidhattootni Mootummaan “Shanee” jedhu, isaan ammoo “Waraana Bilisummaa Oromoo” ofiin jedhan, Oromiyaa keessaa iddoon qabatan hin jiru,” jedhee jira.

Gama biraan, Waajjirri Itiyoo-Telekom Naannoo Lixaa, tajaajjilli intarneetii Oromiyaa Lixaa iddoo hedduutti addaan cituu beeksisee, rakkoo teeknikaan isa cite sirreessuuf hojjetaa jirra, jedhe.

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Lixaa Bakkawwan Tokko Tokkotti Tajaajilli Geejjibaa fi Interneetii Addaan Cite, Jedhama