Walitti-bu’insi Dargaggoota Raayyaa fi Humnoota Mootummaa Namoota Sadii Galaafate

  • VOA

Dilbata ganama akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti sa’aa afurii fi walallaa dhaa jalqabee kanneen walitti-qabamanii turan – dargaggoonni Alaamaaxaa, yeroo gommaa konkolaataa bobeessuu jalqabanitti ture ka jeeqamni magaalattii keessatti ka’e – jedha – gabaasaan VOA, mulugeetaa Atsibahaa. Namoonni ijaan argan, gabaasaa keenyaaf akka ibsanitti torban tokko dura walitti-bu’insa dargaggootaa fi humnoota naga-eegumsaa gidduutti uumame uumamee ture irratti dargaggoon raasaasaan dhawamee ture tokko Sanbata dabre kana du’e, waan jedhameef, dargoonni dheekkamsaan ka’uuu isaanii tu dubbatama.

Humnoonni naga-eegumsaa dargaggoota mormiif bahan sana addaan-facaasuuf jecha, gara samiitti ol dhukaasuudhaan, akkasumas, aara mormii bittimsu dhukaasuun yaalii gochaa akka turaniyyuu, booda walitti-bu’insichi hammaachaa deemee, namoonni sadii rasaasaan rukkatamuu tu himame jira. Wal’aansa fayyaa akka argataa jiranis – hojjetoonni wal’aansa fayyaa Hospitaala Allaamaaxaa keessaa hojjetan – VOAf ibsanii jiran. Namoonni 25 madaa’uu isaanii fi namni tokko immoo miidhamni isaa guddaa waan taheef wal’aansa wayyaawaaf gara Maqaleetti ergamuu isaa dubbatu.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti-bu’insi Dargaggoota Raayyaa fi Humnoota Mootummaa Namoota Sadii Galaafate