Waggoota 20 Dura Yeroo Niw Yoork Shororkeessotaan Haleelamte Namoonni Magaalattii Keessa Turan Maal Maal Yaadatu?

  • Jaallannee Gammadaa

Faayilii - Waltajjii Gabaa Addunyaa Niw Yoork keesaa Fulbaana 11, 2001 haleellame

Waggoota 20 dura shororkeessonni xayyaaroota imaltootaa kan Yunaytid Istees 4 butuudhaan magaala Niw Yoork keessatti gamoolee Waaltaa Daldala Addunyaa lama Washiingtan Diisii keessatti gamoo Pentaagoon haleeluun, kutaa Pensilvaaniyaa keessatti xiyyaaricni butan kufuu isaatiin walumaa-galatti namoota 2977 fixan.

Haleellaa kana ka qindeesse hooggnaan Al-qaayidaa Osamaa Bin Laaden tahuu tu battaluma himame. Guyyaan shororkeessonni balaa kana itti dhaqqabsiisan Fulbaana 11 baranaa waggaa 20 guute.

Gama biraan looltonni Ameerikaa fi kanneen biroon shoroorkeessummaatti duuluuf gara Afgaanistaanitti bobba’anii turan waggoota 20 booda biyyattii gad-lakkisanii baanaan, Taalibaan tu taayitaa qabatee bulchaa jira.

Jiraattonni waggaa digdama dura gaafa haleellaan shororkeessotaa magaalaa Niw Yoork keessatti geggeessame sana achi turan maal yaadatu? Namota lama Jaallanneen dubbisne keessaa tokko Obbo Zinaab Abbaa Jabal Niw Yoork keessa waggoota 50 jiraatan. Yaadannoo isaanii guyyaa sanaa kan isaan dubbataniin jalqabna.

Your browser doesn’t support HTML5

Waggoota 20 Dura Yeroo Niw Yoork Shororkeessotaan Haleelamte Namoonni Magaalattii Keessa Turan Maal Maal Yaadatu?