Yaaddoo Dubartoota Abootiin Warraa Mana Hidhaa jiranii

Your browser doesn’t support HTML5

Abbaan Ijoollee keenyaa erga hidhamanii ji’ootni darbanillee mana murtiitti dhiyaatanii itti hin murtoofne yokaan bilisa jedhamanii hin gadhiifamne, jedhu haadholiin magaalaa Naqamtee keessa jiraatan lama. Hidhamuu Abbootii warraa isaaniirraa kan ka’e rakkoo garaa garaaf saaxilamuu isaanii dubbatan, haadholiin kunneen.

Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa, ‘Namootni Oromiyaa Lixaatti hidhaman garri caalu waan ‘ABO Shanee’ tahan yokaan ‘ABO Shanee’ waliin hariiroo qabani’ jedhee, mannni-murtii sababaa vaayirasii Koranaatiin ka ka’e cufaa waan taheef seeratti dhiheessuun dadhabamuu dubbata.