Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffa Mucaa Koo Irra Taa’i Naan Jedhanii Achi Irratti Na Tuman: Haadha Mucaan Duraa Ajjeefame


Dambi Dolloo
Dambi Dolloo

Godina Kelem Walaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti kaleessa galgala namoonni lama rasaasa humnoota mootummaa biraa dhuka’een ajjeefamuu jiraattonni nuuf ibsanii jiru.

Namoota nagaa daandii irratti kaan immoo mooraa mana ofii keessatti itti dhukaasuun ajjeesan jedhu jiraattonni kun.

Kanneen dhukaasa magaalattii bakka garaagaraa keessatti baname jalaa utuu miliquu yaalanii rasaasaan dha’ame jedhan dargaggoo Haayiluu Efreem yoo ta’u ka biraan Ibsaa Rundee namni jedhamu immoo mana isaa cinatti ajjeefamuu dubbatu.

Haati Haayiluu mucaa koo ajjeesanii erga diriirsanii booda iyyaa ennaan achi ga’u intala koo durbaa waliinan ture jedhan. Achuman reeffa mucaa koo irra taa’i naan jedhanii intala koo illee ajjeesuuf natti dhaadatan jedhan. San booda miilla isaanii jala daa’imeetan maaloo ilmoo koo na jalaa hin ajjeesinaa inni du’ee ciisus kanuma kootii jedheen oolfadhe. Anaan garuu reeffa mucaa koo irratti na tuman jechuun imimmaaniin nuuf ibsasn.

Gaabaasa sagaleetif kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG