Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eeritraa moo Itoophyaattu Dhukaasa Jalqabe?Jarrii lachuu Quba Walitti Qabaa Jiran


Taankii waraana daangaa irratti Itoophiyaaniif Eertiraan bara 1998 -2000 godhan booda lafatti hafe, 2005
Taankii waraana daangaa irratti Itoophiyaaniif Eertiraan bara 1998 -2000 godhan booda lafatti hafe, 2005

Lolli Itoophiyaa fi Ertiraan daagga irratti godhan erga xumuramee ogoota 16 booda daangaa biyyoota lamaanii, nannoo Tsooronaa jedhamutti sambata kaleessa dhukaasni dhagahamuu fi lolli jiraachuu isaa gabaafamaa jira. Ammaaf biyyoonni lamaanuu quba walitti qabaa jiran. Karaa Eertiraatiin dubbii kana qulquleeffachuudhaa yaaliin goone milkaahuu baatus, ibssi mootumman Eertiraa kaleessa baase ; " Mootummaan TPLF harra jechuun Sanbata Amajjii 12 bara 2016, karaa Adda Tsoronaatin Eertiraa irratti haleellaa baneera. Sababni haleellaa kana itti bananis ta'e bu'an isaan barbaadan ammaaf ifa miti. Mootummaan Eertiraa dhimma kana iratti ibsa dabalata akka kennu beeksisna" jedha.

Itti gaafatamaan dhimma kominikeeshinii Itoophiyaa obboo Getaachoo Raddaa garuu " Han dubbii kakaase Eertiraadha, humnni keenyaa deebii kenuutu irra ture" jedha. Obboo Getachoon dabalees “Mootumman Asmaaraa jiru, humna waraanaa keenyaratti hubaatii geechisuu erga yaalere booda, humni waraanaa Itoophiyaas tarkaanfii barbaachisu fudhachuusa gaafii fi deebii Heenook Samaagzabeer wajjin godhee irratti himeera.

Obboo Getachew Radaa sababnni Eeriraan dubbii kaasteef gabaasnni dhitta mirga dhala namaa mootumman Eertiraa lammiiwwan biyyichaa iratti geechiisaa jiru Mootummota Gamtoomanitti, komishiniin mirga dhala namaatin dhiheenya kana waan baheef, addunyaan akka san dagatee kanatti gurra qabuufi jedha.

Jiraattonni nanoo Tsoorona gama isaanitin dhukaasaa meeshaa waraanaa gurguddaa dhagahuu isaanifii dangaa Itoophiyaa gara Kaabaatti sochii loltootaa meeshaa jajjabaa hidhatanii arguu isaanii midiiyaawaan biyyaa keessaa fi biyya alaatti himaan.

Lola Itoophiyaa fi Ertiraan bara 1998 jalqabee gara oggaq lamaa olii godhamee irratti namni kuma 70 dhummuutu tilmaamama. Ergasii as Biyyootnni Ollaa ta’an lamaan walitti dhufeenya gaarii hin qaban.

Eeritraa moo Itoophyaattu Dhukaasa Jalqabe?Jarii lachuu Quba Walitti Qabaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG