Foyya’iinsii kan argamee ta’uus rakkoon gara fuula duratti mudachuu malan akka jiran ibsamee jira.Isaanis walitti bu’iinsa, caamaa fi hiyyuma.Dhiittaa mirga namoomaa Somaaliyaa keessaaf wanni uumamaan dhaqqabee fi kan dhalli namaa fideetu komatama jedha gabaasnii ba’e.
Yaaddoo guddaa kan ta’e garu mirga dhalli namaa jiraachuuf uumamaan qabu cabuu isaati.waraannis ta’e siviloonni Al shabaabiin ajjefamaa turan.Ajjechaa siviloota irratti dhaqqabeef wal waraansa milishoota Gosaa giddutti gaggeeffame himata gabaasnii kun.Garu caamnii hamaan Somaaliyaa mudate haala rakkisaa duraan ture daran hammeesse jedha.
Haala mirga dhala namaa Somaaliyaa keessaa kan ilaaleen qorataa walabaa fi barreessaa gabaasa kanaa kan ta’an Bahame Nyanduga akka jedhanti uummanni sababaa caama mudateen kan ka’e ofii isaafis ta’e beeladaalee ofiif nyaata barbaacha iddoo hedduutti jireenya ofii irraa godaanee jira.
Ijoolleen Hanqiina nyaataan miidhaman lakkofsaan dabalaa kan jiru yoo ta’u waluumaa gala Hiyyumii dabalaa adeemuun hawaasa mara balaaf saaxiluu mala jechuun akeekkachisan.Dargaggonni Somaaliyaa keessaa carraa tokko iyyu dhaba irraa harka namoota seeraan ala nama deddebisan seenaa jiru.Dhiyeenya kana namoonni seeraan ala nama deddebisan dargaggoota Somaaliyaa kurna heddutti lakka’aman galaana dimaa kan handaara galaana yamanti gatan.Hedduun isaanii du’aaf saaxilamuun waan gaddisiisaa dha.
Nyandugan mirga dubartootaa kan ilaaleen yaaddoo qaban ibsanii jiran. Hidhatonni yuniformii uffatan maqaan isaanii yoo gabaafamee iyyu adabbii tokko malee gadhiifamu.Kana malees Somaaliyaa keessatti yaada ofii walaba ta’anii ibsachuu akka hin jirre gazexxesootaa fi ogeessoota sabaa himaa kanneen biroo irratti tarkaanfiin akka fudhatamu dubbatanii jiru.
Mootummaan somaaliyaa mirga dhala namaa kabajsisuuf akka isa gargaaruutti seera jiruu fi caasaa mana murtii jiru akka jajjabeessu Hayyuun walabnii kun gaafatanii jiru.