Xurree ittiin seenan

Waggoonni Aangoo Prezidaantii Dheerachuu Hin Qabu: Mormitoota Toogoo

  • VOA

Biyyattii Afriikaa dhiyoo Tookoo keessatti walitti bu’iinsa humnootii nagaa eegissaniif mormitoota motummaan prezidaant Faure Gnassingbe akka dhumatu gaafatan waliin walitti bu’anii yoo xiqqaate namoonni afur du’anii jiran.

Ministriin naga eegumsaa Toogoo akka jedhehetti walitti bu’iinsa kaleessaan wal qabatee hiriirtonni mormii hedduun hidhamaniiru.

Hoogganoonni garee mormituu hiriira mormii farra prezidaant Gnassingbe ka guyyootii lamaa geggeessuuf karoorfataniiru. Prezidaantichi abbaa isaanii prezidaant Gnassingbe Eyadema bakka bu’uu dhaan erga bara 2005 qabee biyyattii bulchaa jiran.

Mormiin Togo keessaa kan jalqabame baatii Hagayaa erga yeroon prezidaantiin aangoo irra turu kan heerri eeyamu jijjiiramee Prezidaanticha hanga bara 2030tti aangoo irra tursu yaadi dhiyaatee booda.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG