Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Ameerikaa Har’a Kan Wareegaman Guyyaa Dhaloota Qabsaa’aa Mirga Namaa Maartiin Luuter Kiing Kabajaan Yaadatanii Oolan

  • VOA

Guyyaa har’aa lammiiwwan Ameerikaa guyyaa hoogganaa qabsoo mirga namaa fi nama qabsoo hookkaraan alaa qindeessuun beekaman Martin Luther King kabajaan yaadatanii oolu.

Waggaa waggaan baatii Amajjii Wiixati sadaffaan lammiiwwan Ameerikaa kan wareegaman hoogganaa mirga namaa bara 1950mootaa fi 60mootas keessa faallaa loogii sanyii biyyattii gama kibbaa keessa jiru dhaabachuu dhaan qixxummaa warra gurraachaa fi mirga filachuu isaanii eegsisaan kanaa kabajaatn yaadatu.

Dadhabbii malee loogii sanyii dhabamsiisuuf kan hojjetan hoogganaa goota kana projektiiwwan tajaajila hawaasa adda addaa hojjechuun har’a namoonni hedduun isaan yaadatu. Qabsaa’aa mirga namaa qofaa utuu hin taane, King hayyuu,

Kongresiin US bara 1994 guyyaan dhaloota isaanii ayyaana biyyoolessaa akka ta’u murteesse.

Marthin Luther King walakkeessa bara 1950mootaa ennaa dargaggeessa turan lallabaa wangeelaa kan turan ennaa ta’u uummati atoobisii Montgomery, Alabama-n akka hin imalle qindeessuu dhaan magaalattiin imaltoota gurraachotaa irratti loogii oofu akka dhaabuuf dirsqisiisan.

Hagaya bara 1963 qixxummaaf qabsoon geggeessamu hammaataa adeemee uummati kuma 250 ta’u gurraachaa fi adiin gara magaalaa galma mootummaa biyyattii Washington DCtti imaluu dhaan hiriira guddaa geggeessame irratti hirmaatan. Hiriirri mormii sunis nagaa qabeessa ture.

Haasaa King dhageessisan kan “ I have a Dream” Abjuun qaba jedhu illee sochii warra gurraachaa kan biyyattii gama kibbaa gara duula mirga namaaf qabsaa’uu guutuu biyyattiitti akka babal’atu gumaache.

Maartiin Luuter Kiing haasaa isaanii kanaan mul’atan qaba, ijoolleen koo xixiqqoon arfan guyyaa tokko biyya amala isaanii malee bifa gogaa qaama isaaniin itti hin murtoofne keessa jiraatu ka jedhu Mul’atan qaba jedhan.

Lammiiwwan Ameerikaa Har’a Kan Wareegaman Guyyaa Dhaloota Qabsaa’aa Mirga Namaa Maartiin Luuter Kiing Kabajaan Yaadatanii Oolan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:34 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG