Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiyeenya Kana Oromiyaa keessatti Waa’ee Namoota Haleellaa Raayyaa Waraanaatiin Du’anii Maatiin Isaanii Maal Jedhu?


Suuraa Faaayilii
Suuraa Faaayilii

Hojii dhaabinsa mormii fi lagannaan gabaa guyyaa lammaffaaf har’a Oromiyaa keessatti itti fufee jira.Suuqilee, manneen nyaataa fi albeergoo cisichaa banaa jechuun raayyaan ittisa magaalaalee Najjoo, Asaboot fi Shaashamannee keessatti humnaan cabsee seenaa akkasumas saamsameera jechuun itti maxxansaa akka jiru jiraattonni ibsanii jiru.

Gama kaaniin magaalaa Hoolota keessatti har’a namnii tokko rasaasaan rukutamee madaa’uu jiraattonni ibsanii jiru.Labsiin yeroo muddamaa paarlaamaa Itiyoophiyaa duratti dhiyaachuu isaa duras ta’e booda Oromiyaa keessatti jiraattonni magaalaa adda addaa raayyaa ittisa biyyaan rukutamanii du’u gabaafamaa jira?

Maatiin namnii jalaa ajjeefame maal jedhu? Magaalaa Baakkoo, Gudar fi Dambii Dolloo irraa haasoofsifnee jirra.

Caqasaa

Dhiyeenya Kana Oromiyaa keessatti Waa’ee Namoota Haleellaa Raayyaa Waraanaatiin Du’anii Maatiin Isaanii Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:30 0:00

XS
SM
MD
LG