Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaaleen Oromiyaa Maal Keessa Oolan?


Labsii yeroo atattamaa mormuudhan Oromiyaa keessatti manneen daldalaa hedduun cufaa oolan
Labsii yeroo atattamaa mormuudhan Oromiyaa keessatti manneen daldalaa hedduun cufaa oolan

Labsiin yeroo muddamaa Itiyoophiyaa keessatti raggaasisamuu mormuudhaan har’a godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hojii-dhaabinsi mormii ka geggeessamaa jiru tahuu isaa fi sababaa kanaan raayyaan ittisaa namoota haleeluu fi itti dhukaasuu isaan namoonni garii du’uu fi kaan madaa’uu jiraattonni godinaalee adda addaa nuuf ibsanii jiran.

Godiina Jimmaa aanaa saqqaa coqorsaa keessatti namoonni shan rasaasa raayyaa ittisaan dhahamanii lama du’u jiraattonni kan ibsan yoo ta’u bulchaan magaalatti garu nama tokkootu du’e sadiitu madaa’ee jedhan.

Godiina Harargee Dhiyaa magaalaa Ciroo keessatti dargaggeessi tokko waraana mootummaan dullaana tumamaa eega turee booda dhuma irratti miliquuf yaallaan rasaasaan ajjefamuu kanneen ijaan argan dubbatanii jiru.

Godiina Baalee magaalaa Robee keessatti polisoonni Oromiyaa dargaggoota hedduu hidhuu, hedduu tumuu fi madeessuu isaanii jiraattonni dubbatanii jiru.Godiina Shawaa kaabaa magaala Suluultaa keessatti daandiitti hin ba’iinaa jechuun namoota qabanii to’annaa jala oolchuuf namnii tokko reebicha hamaa irra ga’een kan ka’e haala lubbuuf sodaachisu keessa akka jiru kan ibsamee yoo ta’u hospitaala geessuuf immoo daandilee cufamuu bubbatu jiraattonni.

Magaalaa Gimbii keessatti Sambataa fi Dilbata darbe namnii 6 rasaasaan rukutamuu kanneen keessa tokko du’e kanneen biroon haala hamaa keessa akka jiran beekamee jira. Godiina wallaggaa bahaa magaalaa Mandii keessatti Jimaata darbee raayyaan ittisaa dargaggoota ari’aa fidee ijoolleen gara dunkaana konfransii afuuraa kan amantii kiristaanaa dhaabamee keessa seennaan dhukaasa banuu isaa beekamee jira.

Yeroo kanattis amantoonni kadhannaa irra turan naasuun baqachuuf yeroo yaalanti wal irra ejjachuun midhaan dhaqqabuu akkasumas kanneen dheessanii mana ofiitti galan keessaa namnii tokko mooraa mana isaa keessatti ajjefamuun ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Magaalaaleen Oromiyaa Maal Keessa Oolan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:16 0:00

XS
SM
MD
LG