Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoonaattan Tesfaayee Mana Hidhaatii Gad Lakkisame


Obbo Yoonaattan Tesfaayee (Suuraa Faayilii)
Obbo Yoonaattan Tesfaayee (Suuraa Faayilii)

Itti gaafatamaan quunnamtii uummataa kan semayawi paartii duraanii obbo Yoonaattan Tesfaayee har’a mana hidhaatii gad lakkisamuun dhaga’amee jira. Obbo Yoonaattan attamiin akka gad lakkifame akka tasaa waan ta’eef ibsuuf kan isa rakkisu ta’uu beeksise.

Yoonaatan Tesfaaye mana hidhaa Ziwaay keessatti kan itti murtaa’e hidhaa waggaa sadii fi ji’a ja’aa xumuruuf utuu eegaa jiru har’a gammachuun hin eegamin isa mudateera. Har’a akkuma tasaa ba’i naan jedhan, Nama ba’i naan jedhes gaafannaan deebii ga’aa hin arganne, waaqaaf haa galatu maatii koo waliin amma wal argeen jira jedha.

Hiikamuuf baatileen lama ta’u kan isaa hafu ta’uu kan ibse Yoonaattan torbanneen hanga tokko dura gaabbee dhiifama gaafatee mallatteessee akka ba’u itti himamus balleessaa waan hin qabaanneef mallatteessuuf tole hin jedhin hafuu isaa ibsee jira. Seeraan ala hidhamuun keenya hafee dhiifama gaafadhaa jechuun waan nama qaanessu jechuu dhaan kanaanis hamma ha’raatti Ziwaayiin akkan turu ta’eera jechuu dhaan odu gabaasaa keenya Meleskaachoo Ammhaaf ibsee jira.

XS
SM
MD
LG