Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Darbe Kan Jedhame Sagaleen Hatameetu Jenna Gama Keenyaan: KFO


Obboo Baqqalaa Garbaa
Obboo Baqqalaa Garbaa

Kongresiin Federaalawaa Oromoo labsii yeroo hatattamaa ilaalchisuu dhaan ibsa baasee jira. Itti aanaa dura taa’aa paartichaa obbo Baqqalaa Garbaa qabiyyee isaa naaf ibsaniiru.

Obbo Baqqalaan akka jedhanitti labsii yeroo muddamaa baasuuf waanti dirqisiisu hin jiru. Biyya nagaa walii galtee dhaan jiraataa utuu jiruu ti la labsiin kun labsame jedhan.

Labsiin kun ennaa ragga’u illee haalli isaan paarlaamaa keessatti sagalee lakkoofne jechuun utuu sagalee ga’aa hin argatin afaan yaa’iin mana maree bakka bu’ootaa labsichi darbe jedhan illee fudhatama hin qabu jedhaniiru. Kanaaf paartiin keenya adeemsa labsiin kun itti darbe jedhames labsichas cimsee balaaleffata jedhaniiru.

Labsiin Yeroo Hatattamaa Darbe Kan Jedhame Sagaleen Hatameetu Jenna Gama Keenyaan: KFO
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:02 0:00

XS
SM
MD
LG