Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Manneen Daldalaa Banaa Jedhani Dirqisisuu fi Angawoota Hidhuun Jira.Jiraattoota fi aangawaa


Oromiyaa keessatti hojii dhaabinsii mormii fi lagannaan gabaa har’as itti fufee kan oolee yoo ta’u magaalaa Dadar keessatti har’a Dargaggoo Ahamd Aliyyii Musaa jedhamuu rasaasaan rukutamee wal’ansa sadarkaa olaanaaf gara hospitaala Di Coorraa kan Dirree Dawaa keessa jirutti ergamuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru.

Uummanni manneen daldalaa akka banuuf dirqisiisuun akkasumas akeekkachiisa kennuun kan itti fufee ta’u isaa fi manneen daldalaa cufaa jiranti saamsameera jechuun komaand post itti maxxansaa akka jiru dubbatu jiraattonni.

Gma kaaniin Oromiyaa keessatti aangawoota sadarkaa adda addaa hidhuun akka jiru kan ibsan jiraattonni aajaan Polisii godina wallaggaa Bahaa Komaandar Caalaa Tasammaa har’a magaalaa Naqamtee keessatti to’annaa jala ooluu isaanii fi magaalaa Najjoo keessattis bulchiitonni gandeenii lamaa fi itti gaaftamaan ageenyaa tokko to’annaa jala ka olan ta’u jiraattonni dubbatanii jiru.

Gaazexaan biyya keessaa Ripoortar jedhamu akka gabaaseetti Oromiyaa bakka adda addaatti hojii dhaabinsa mormii kannen kakaasan fi itti gaafatama mootummaa sadarkaa adda addaa irra kanneen jiran to’annaa jala ooluu isaanii gabaasee jira.

Angawoota naannoo to’annaa jala oolan keessaa bulchaa godina Harargee Bahaa, itti aanaa bulchaa godina wallaggaa bahaa, bulchaa fi itti aanaa bulchaa magaalaa Naqamtee akkasumas godina qellam wallaggaa tti itti gaafatamaa waajiira haqaa keessatti argamuu jedhee jira.

Bulchaan magaala Ciroo Obbo Saabit Xaahir Wiixata darbee to’annaa jala eega seenanii booda akeekkachiisii kennaneefii hordoffii jala akka jiran gama kaaniin immoo magaalaa Roobee keessatti aangawoonni naannoo dargaggoota 27 hidhanii dararaa akka jiran ibsamee jira.

Oromiyaa Keessatti Manneen Daldalaa Banaa Jedhani Dirqisisuu fi Angawoota Hidhuun Jira.Jiraattoota fi aangawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:06 0:00

XS
SM
MD
LG