Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ka Paartiilee Mormitootaa Hedduu Hirmaachise Korri London Keessatti Geggeessame, Koree Hojii Gamtaa Qindeessu Dhaabbachuun Xumurame   

Gamtaa dhaabota mormitootaa, Kan Gamtaa Bilisummaa fi Dimookiraasii Uummatootaa yokaan PAFD jedhamuun kan qindeessame – korri yokaan konferensiin jaarmayaalee siyaasaa, hayyoota siyaasaa fi dippiloomaatota hirmaachise tokko, Guraadhala 24 fi 25 bara 2018 biyya Briteen, magaalaa London keessatti geggeessamee ture. Haala yaaddessaa yeroo ammaa Itiyoophiyaan keessa jiru hubachuudhaan, ajjeechaa fi gidiraa gar-jabinaa mootummaa Itiyoophiyaan uummata irratti raaw’ataa jirutti xumura gochuuf, hegeree biyyattii irratti qaama dhaabota hunda hirmaachise hundeessinee hojjechuuf walii-gallee jirra – jedhu – qindeessitoonni fi hirmaattonni konferensichaa

Konferensii magaalaa London keessatti geggeessame kana irratti, dhaabota miseensota PAFD yokaan Gamtaa Bilisummaa fi Dimookiraasii Uummatootaa tahan, kanneen akka Sochii Bilisummaa Uummatoota Gaambellaa, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden, Adda Bilisummaa Oromoo fi Sochii Bilisummaa Uummatoota Beenishaangul-tti dabalee, dhaabonni haga ammmaa miseensota gamtichaa hin ta’iin kanneen akka Sochii Naannawa Gaambellaa, Sochii Tokkummaa Naayilootota Gaambellaa, Sochii Bilisummaa fi Haqa Hawaasa Uummata Shaakkichoo, Taaaxeq Itiyoophiyaa ka Tokkummaa fi Dimookiraasii, Gumii Miseensota Paarlaamaa Oromoo fi Tokkummaa fi Dimookiraasii Itiyoophiyaaf kanneen jedhaman qooda fudhachuu isaanii, ibsa xumura walga’ichaa irratti bahe irratti tarreessamee jira.

Kan magaalaa London maadheffate Embaasii Itiyoophiyaatti bilbillee, waa’ee walga’ii kanaa fi deebii gama mootummaa gaafannee, “walga’icha irratti waan hin afeeramiiniif, kana irratti ibsa kennuu hin dandeenyu, jechuudhaan, aangawaan Embaawsichaa nuuf deebisanii jiran. Qophii guutuu dhaggeeffadhaa.

Ka Paartiilee Mormitootaa Hedduu Hirmaachise Korri London Keessatti Geggeessame, Koree Hojii Gamtaa Qindeessu Dhaabbachuun Xumurame
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:58 0:00

XS
SM
MD
LG