Xurree ittiin seenan

Breaking News

KWO fi ABO Tokkoome  Dr. Abiyyi  Muummiha Ministaraa Itiyoophiyaa Tahuu Akkamitti Ilaalan?


Dura-taa’aan ADWUI haarawa, Dr. Abiyyi Ahimed, har’a paarlaamaa biyyattii durantti kakuu fudhachuun muummicha biyyattii ta’anii jiran. Muudamuu Dr. Abiyyi fi haawawa isaan har’a har’a dhageessisan ilaalchisee, wahiloonni isaanii, miseensonni paarlaamaa, mormitoonni biyya keessaa fi alaa yaada addaa kennaan jiran.

Dhaabota mormitootaa keessaa tokko, Kallacha Walabummaa Oromiyaatti hoogganaa damee siyaasaa ka tahan – Obbo Liiban Waaqoo, “caasaa mootummaa uummata Oromoo ajjeesaa fi dararaa ture keessatti lammiin Oromoo tokko taayitaa sadarkaa ol’anaa kanaaf muudamuun gaaffii uummatni Oromoo waggoota hedduudhaaf gaafachaa turee fi hedduun itti dhumeetti furmaata fiduu hin danda’u.

Dr. Abiyyi gaaffiilee kana deebisuuf meeshaalee isa barbaachisan of harkaa hin qaban” jedhu. Dr. Abiyyi Ahimed, taayiaa fi itti-gaafatama sadarkaa ol’aanaa kanaaf filatamuu isaanii, “baga gammaddan!” ittiin jechuun fedha, kan jedhan – dubbi-himaan dhaaba ABO Tokkoome Jedhamuu – Dr. Qaasim Abbaa-Nashaa immoo, muudamuun Dr. Abiyyi bu’aa qabsoo fi dhiiga ilmaan Oromoo akka tahe dubbatanii, “akkuma qabsoon uummata Oromoo sadarkaa kanaan isaan gahe, itti-gaafatama fudhataniin gaaffii uummata Oromoo fi rakkoo siyaasaa biyyattii danqee jirutti furmaata fiduu qabu” jedhan.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa

KWO fi ABO Tokkoome  Dr. Abiyyi  Muummiha Ministaraa Itiyoophiyaa Tahuu Akkamitti Ilaalan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:52 0:00

XS
SM
MD
LG