Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muudamaa fi Haasawaa Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Haarawaa Attamiin Ilaalame?


Muummicha-ministarummaatti muudamuu Dr. Abiyyi Ahimadii fi haasawa isaan har’a dhageessisan kan ilaaleen wahila isaanii kan hojii ka turan Dr. Taasisaa Kabaa yeroo ammaa ejeensii misooma saayinsii teknooloojii oromiyaa Hogganu.

Dr Abiyyi akka hogganaatti nama mul’ata guddaa, dandeettii fi cicha qaban, namni nama ta’ee uumamuu isaa qofaaf kabajamuu qaba isa jedhutti nama amanan jedhan. Akka dhunfaatti immoo nama gara-laafeessa nama gargaaruuf nama bira dhaabatu waan ta’aniif aangoo amma itti muudaman rakkoon jiraatuus fixaan baasu abdii jedhuun qaba jedhan.

Gama kaaniin itti aanaa dura ta’an KFO Obbo Mulaatu Gammachuu mootummaan rakkoo biyyattii furuuf mormitoota waliin dhaabachuu qaba jechuun yeroo dheeraafa gaafachaa waan turreef waamichi Dr. Abiyyi simannaa qaba jedhan. Garuu shakkiin jiru dhugumaan isa dubbatan kana hojii irra oolchuu? kan jedhu ta’uu obbo Mulaatuun ibsanii jiran.

Daayrekteerri olaanaa kan OMN Obbo Jawaar Mohammad yaada kenneen haasawaan Dr. Abiyyi qalbii uummataa hawachuu irratti kan qiyyaafate eega jedhee booda akka haasawaatti haasaa gaarii ture jedhu. Lammiwwan biyyattii biyya alaa jiran afeeruu dura mormitoota biyya keessaa waliin marii jalqabuu, labsii yeroo muddamaa kaasuu, kanneen hidhaa keessa jiran hiikuun dursuu qaba jedhe.

Yoo kun hojii irra oole kanneen biyya alaa keessa jiran afeeruun itti aanee dhufuu danda’a yaada jedhu qaba.

Marii gaggeeffame caqasaa

Muudamaa fi Haasawaa Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Haarawaa Attamiin Ilaalame?
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:47 0:00

XS
SM
MD
LG