Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haallii Yeroo Ammaa Tigraay Keessaa Jiru Kan Itiyoophiyaa Iddoo Biraa Irraa Adda. Paartii Arenaa Tigraay


አረና ትግራይ
አረና ትግራይ

Koreen hojii raawwachiiftuu paartii Arenaa xiinxala gaggeesseen mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad eega aangoo qabatanii as sadarkaa guutuu biyyaatti walabummaa sabaa himaa sochii paartilee siyaasaa fi gama hidhamtoota hiikuun argamaa kan jiru ta’uus Inni kun Tigraay keessatti isa jiru waliin quba wali hin qabu jedha.

Hidhamtoonni gadhiifana hin jiran waltajjiin siyaasaa isuma duriiti akkasumas sabaa himaan walaba ta’anii sosso’uun hin jiru jedha paartiin Arenaa.Namoonni miseensa paartii Arena ta’u isaaniif qofa hidhaman amma iyyu hin gadhiifamiin waan jiraniif mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay akka isaan gadhisuuf gaafate.

Paartiin Arenaa fi adda bilisummaa Tigraay ykn TPLF tokko ta’an jechuun oduun dhaga’amu soba jedhee kanaafis sababaan falaasamnii hordoofnu tokko miti jedhee jira.

Ertraa fi Itiypphiyaa gidduutti nagaa bu’e Arenaan akka deggeru garu waan hunduu fedhii namoota daangaa irra jiran irratti hundaa’uun ta’u akka qabu hubachiise.

Kana malees gosa irratti hirkachuun haleellaan gaggeeffamu akka dhaabatu namoota Tigraay keessatti dhalatan bulchiinsa naannoo adda addaa keessa jiraachuuf mirgi qaban akka eegamuu gaafatee jira.Dhalattoonni Tigraay kannen haleellaa irratti gaggeeffame dheessuun biyya ofiitti galan mootummaan naannoo Tigraay deggersa tokko iyyu kennaafii akka hin jirrees ibsamee jira.

Haallii Yeroo Ammaa Tigraay Keessaa Jiru Kan Itiyoophiyaa Iddoo Biraa Irraa Adda. Paartii Arenaa Tigraay
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:47 0:00

XS
SM
MD
LG