Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABO fi Arbenyooch-Ginbot 7 Akka Miseensonni fi Deggertoonni Isaanii  Jechoota Hookkara Kaasan Irraa Of Qusatan Gaafatan


Hookkara gara guyyaa kudhanii dura magaalaalee Buraayyuu fi Finfinnee keessatti geggeessamee fi du’a lubbuu namaa dabalatee miidhaa adda addaa dhaqqabsiiseen wal-qabatee, akka miseensonni isaanii fi uummatni jechawwan walitti-bu’insa hammeessan irraa of qusatan, paartiileen siyaasaa dhiheenya biyyatti galan lama waamicha dhiheessaa jiran.

Haala yeroo ammaa mul’ataa jiru irraa ka’uun kanneen mata mataatti VOAf ibsa kennan, Adda Bilisummaa Oromoo fi Arbenyooch-Ginbot Toorba, lammiwwan hiriirawwanitti hirmaatan dhaadannoolee fi sirboota walitti-bu’insa toosisan, kanneen garee tokko balfanii garee kaan ol kaasanii fi humna jijjiiramaa gufachiisuutti fuuleffatan keessa akka hin seenne hubachiisan. Guutummaa isaa dhaggeeffadhaa

ABO fi Arbenyooch-Ginbot 7 Akka Miseensonni fi Deggertoonni Isaanii  Jechoota Hookkara Kaasan Irraa Of Qusatan Gaafatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:58 0:00

XS
SM
MD
LG