Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Hidhannoo Hiikkachuu WBO Ogeessi Seeraa Akkamitti Ilaala?


Nagessa Oddo Dube, ogeessa seeraa

Waa’ee hidhannoo hiikkachuu Waraana Bilisummaa Oromoo irratti ibsa hoogganni ABO kennee fi ibsa aagawoota mootummaa kenname ilaalchisee, torban dabre kana miidiyaa hawaasummaa fi miidiyaalee kaan irratti wal-falmiin deddeebi’aa ture. Dhimma kana ilaachisee ka VOAf gaaffii fi deebii kennan – hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa, “waa’ee hidhannoo hiikkachiisuu walii-galaa ilaachisee namoota walii-galtee ABO fi mootummaa gidduutti ta’e irratti hubannoo gahaa hin qabne yokaan bakka sana hin turre tu akka itti fakkaatetti hiikkate” jedhanii, karaa itti WBOn gara duul-duraatti qaama waraana uummataa yokaan mootummaa tahuu fi yakkamtoonni waraana mootummaa keessa jiran immoo itti qorataman irratti dubbachuu isaanii eeran.

Gama biraatiin, muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed, Roobii dabre, dhimma kana irratti gaaffii gaazzexeessota irraa dhihaateef ennaa deebii kennan, dhimmi hidhannoo hiikkachiisuu waan isaan yaaddessu akka hin ta’iin dubbatanii, “ABOs tahe paartiilee biroo waliin dhiheenyatti mari’anna. Biyya tokko qabna. Waliin ijaarranna. Waan yaddessu miti” jedhanii turan.

Dhimma kana irratti ogeessa seeraa waliin marii geggeessinee jirra. Guutummaa isaa caqasaa.

Dhimma Hidhannoo Hiikkachuu WBO Ogeessi Seeraa Akkamitti Ilaala?
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:41 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG