Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Oromiyaa Maaliif Callisee Nu Ilaala?: Dubartoota Godiina Wallaggaa Lixaa


Dubartoonni Godiina Wallaggaa Lixaa irraa dhufan har’a waajiira bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa dhaquun waa’ee uummata sababaa walitti bu’insaan manaa fi qe’e irraa godaananii iyyatanii jiru.

Anaalee Najjoo, Mandii, qilxuu-kaarraa Arjoo Kanneen faffakkaatan keessaa kan walitti dhufan dubartoonni kun uffata aadaa uffachuun Siqqee qabatanii waltajjii masqalaatti eega walitti qabamanii booda weddisaa gara waajiira mootummaa Oromiyaa isa Finfinnee keessa jiru dhaquu isaanii dubbatu.

Sana boodas maaliif waa’een uummata Beneshaangu Gumuz keessaa fi naannoo daangaa irraa buqa’anii mootummaan callisee ilaalee jechuun gaaffii dhiyeeffachuu isaanii ibsan.

Deebiin argatanis mootummaan naannoo wanni danda’ame mara hojjataa akka jiruu fi guyyootii dhufan kana keessaatti immoo deebiin kan kennamuuf jiru ta’u nutti himameera jedhu kanneen haasoofsiisfne.

Gaaffii Deebii Gaggeeffame Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:41 0:00

XS
SM
MD
LG