Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Har’a Magaalaa Naqamteetti Taasisame Akka Mootummaan Dhuminsa Uummataa Dhaabsisu Gaafate


Guyyaa dheengaddaa Wallaggaa Bahaa aanaa Haroo Limuuu bakka addaa Hargumbee jedhamutti, hidhattoonni Benishaangul Gumuz irraa itti cehaniin halellaa geggeessamee fi poolisii kora bittinneessaa Oromiyaa keessaa 11 ajjeesan jedhanii fi fixinsa sanaan dura geggeessamaa ture balaaleffachuudhaan, jiraattonni magaalaa Naqamtee har’a magaalattii keessatti hiriira bahan.

Yeroo baatiileen lakkaawamuuf uummata keenya garii Benishaangul Gumuz keessatti, kaan immoo manaa fi qehee isaa keessatti dhumaa jira. Mootummaan federaalaa fi ka naannoo dhuminsa kana dhaabsisuuf, kanneen haleellaa kana geggeessanii fi kanneen duuba isaanii tii shira xaxan irratti tarkaanfii fudhachuu qaba – jedhu hiriirtonni.

Reeffawwan humnoota kora bittimmeessaa haala suukanneessaan ajjeessamanii, har’a awwaalchaaf bakkawwan adda addaatti ergaman, jedha – biiroon bulchiinsaa fi nageenyaa Wallagga Bahaa.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:52 0:00

XS
SM
MD
LG