Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dararaa “Jail Ogaden” Keessatti Raawwatame Lammiiwwan Itiyoophiyaa Biyya Alaa Jiran Harka Keessaa Qabu Jedhame


Magaalaa Jigjigaa Kaaba gama bahaa dugdee magaalattii-tti mana hidhaa tokkotu jira. “Jail Ogaden” jedhamuun beekama. Manni hidhaa kun bal’aa miti. Akka karoorfametti silaa namoonni 400 ol kan keessatti hidhaman hin turre.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddrri Ameerikaa Michael Raner kaleessa mana hidhaa kana ennaa daawwatan akka namoota daawwachiisaniitti yoo ta’e, waggoottan hedduu darban keessa bakka kanatti yeroo kamiinuu taanaan lammiiwwan kumaan laka’aman keessatti dararamaa turan.

Kutaa namni lama qofti keessatti hidhamuun irra ture, namoota kudhan ta’antu guyyoota hedduu hanga jioottaniitti keessatti hidhamaa ture. Mana hidhaa kana keessatti yakkaawwan kana fakkaatuuf kana irra illee hammaatutu raawwatamaa ture.

Ambaasaadderichi prezidaantii naannoo somaalee waliin ta’uu dhaan erga daawwatanii booda prezidaant Musxafaa Mohammed prezidaantiin naannoo Sanaa kaayyoo daawwannaa Sanaa fi kanneen biro toota oduuf ibsaniiru.

Namoota yakka kana hojjetan hordofuu akkasumas dhiittaan mirga namaa kun yakka sadarkaa addunyaa waan ta’eef eessa iyyuu yoo dhaqan miliquu akka hin dandeenye, keessumaa lammummaa Ameerikaa kanneen qaban dhalattoonni Somaalee keessa jiru.

Yeroo ammaa gara Turkii, Ameerikaa, Swidinii, gara biyyoota adda addaa fi gara Keeniyaatti kan baqatan fi kanneen yakka kana kallattiin keessatti hirmaatan waan jiraniif kanneen akkasii hordofnee murtiitti dhiyeessuuf gara fuula duraattis barnoota akka ta’u, dhiittaan mirga namaa eessatti iyyuu yoo ta’e raawwatamnaan akka nama gaafachiisu uummatichaaf ergaa dabarsuuf jecha jedhan.

Ambaasaadder Maaykil Raayner gama isaaniin yakkaawwan bakka kanatti raawwatamaniif kanneen shakkaman fuula murtiitti dhiyaatanii gaafatamuu qabu jedhan. seera bu’uura godhatee haala ifaaf sirnaawaa ta’een gocha isaaniif gaafatamuu qabu jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:58 0:00

XS
SM
MD
LG