Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shiree Indaasilaasee keessatti kokolataa Waraanaa Hin Baafnu jechuun Danqaan Umamee Har’a mariin furameera: Angawaa Naannoo


Bulchiinsa naannoo Tigraay shiree Indaasilaasee keessatti kokolaataa waraanaa gurguddaan hin ba’u jechuun mormiin uumamee tute marii dargaggotaa fi uummata waliin har’a gaggeeffameen mooraa duraan keessa tureetti deebifamuu isaanii aangawaan qunnamtii uummataa kan aanaa Taaytaay Quraaroo Obbo Kiroos Laggasaa ibsanii jiru.

Maal fe’anii akka ba’uuf turan uummannis ta’e qaamonni mootummaa hin beekan jechuun dargaggonni ittisuu isaanii kan dubbatan Obbo Kiroos raayyaan waraanaa kan fedhe fe’ee deemuu danda’aa jedhan.Garu sakataanee ilaaluuf aangoo kan hin qabne taanus hogganoonni waraanaa kan fe’ame siree, Firaashii fi meeshaalee mana keessaa itti gargaaramaa turan ta’u nutti himanii jiru jedhan.

Itti aanaa bulchaan bulchiinsa naannoo Tigraay Dr. Gabra Tsiyoon Gabra mikaa’eel sochii raayyaa biyyaa danquun kun sirrii miti jechuun ibsa kennanii jiran.Mootummaa heera irratti hundeeffame eega kan jiru raayyaa ittisaa waan ta’eef rakkoon yoo jiraate kan furamuus dura dhaabchuun miti jedhan.

Mummeen Ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad Barsiisoota kuma sadii ol waiin marii dhiyeenya kana gaggeessan irratti gaaffii dhiyaateefiif deebii kennaniin iamala raayyaa ittisa biyyaa gufachisuun sirri miti jedhan.Guutummaa biyyatti keessa iddoo barbaadetti sossouf aangoo guutuu qaba jedhanii turan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:14 0:00

XS
SM
MD
LG