Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nipsii Hasil ykn Ermiyaas Asgedoom Kaleessa Los Anjeles Keessatti Ajjeefame


Kan Sirba gosa Raappiin beekamu – Nipsii Hasil ykn Ermiyaas Asgedoom magaala Los Anjeles keessatti kaleessa kokolaataa keessa otuu jiruu namoota eenyummaan isaanii yeroof hin beekamiiniin dhukaasni itti roobsamee rasaasa ja’aan dhawamee ajjeesame.

Ajjeefamuu wallisaa Raappii beekamaa fi hiddha dhalata Ertiraa tahe – Nipsii Hasil yokaan Ermiyaas Asgedoom ka beeksise Poolsiin Los Anjeles, namoota ajjeechaa kana raaw’atan qabuuf akka hordofaa jiru beeksisee jira. Nipsii Hasil yokaan Ermiyaas Asgedoom, wallee Rappiitiin ka qalbii sabaa-himaalee Addunyaa hawataa dhufee fi artistoota bebbeekamoo akka Dreg Bing Show fi Rig Roks faa waliin kan hojjetaa ture – Raapperii beekamaa ture.

Umurii isaa waggaa 33tti ka kaleessa ajjeesame – Niipsii Hasil, hawaasa tajaajiluudhaan, keessumaa, naannoo itti guddatetti hiriyoota waliin guddate, kanneen jireenya gad-aanaa jiraatan gargaaruudhaan beekama.

Ajjeefamuu Nipsii tii ala, namoonni ka biroon maqaan isaanii yeroof hin himamiin lama rasaasaan dhawamanii ka wal’aansa fayyaa irra jiran tahuu – Poolsiin beeksisee jira. Nipsii Haasil, ka baatii dabre magaalaa Loos Aanjeles keessatti geggeessamee ture, badhaasa Girmaamii, ka muuziqaaf kaadhimamaa akka ture beekamee jira. Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:26 0:00

XS
SM
MD
LG