Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komii Dargaggoonni Kooleejoota fi Yunivarsiitiiwwan Naannnoo Amboo Irraa Eebifamn Qaban


Dargaggoonni kooleejootaa fi Yunivarsiitiiwwan adda addaa Amboo fi naannawa ishee jiran irraa eebbifaman waggootaaf hojii dhabuun rakkachuu isaanii himan.

Koreen Teeknikaa carraa hojii mijeessuuf hundaa’e rakkoo isaaniif furmaata barbaaduu irratti laafe jira - jedhanii, carraa hojii jedhame mijeessuu keessatti ka qooda fudhataa turan dargaggoonni sadii hidhamuun kan isaan gaddisiise tahuullee dubbatanii jiran.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa immoo, carraa hojii uumuuf carraaqqiin taasisamu addaan hin citne, jedhu.

Itti aanaan Kantiibaa Amboo gama isaaniin rakkoo jiru akka mariin hiikan dubbatanii, “dargaggootni sababa hojii nu qabsiisaa jedhaniif hidhaman yoo jiraatanis ni hiikamu,” jedhanii jiran. Naakoor Malkaa to Ambo irraa gabaase. Dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG