Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Oromoo Yunivarsitii Haramayaa Har’aa fi Kaleessa Hiriira Bahan


Kan maqaan isaa akka ibsame hin feene, barataan Yunivarsitii Haramaayaa tokko, gabaasaa VOA Addis Chekkoliif akka ibsetti, barattoonni Oromoo Yunivarsiticha keessaa barataa jiran:

- Afaan Oromoo, Afaan hojii fedheraalaa haa tahu,

- Magaalaaleen Finfinnee, Hararii fi Dirre-dhawaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa jala haa galfaman,

- Komaandi Poostiin waraanaa Wallagga irratti hojii irra oolfamaa jiru haa kaafamu,

- Itti-gaafatamaan waajira Paartii ODP – Obbo Alamuu Simee taayitaa irraa haa kaasaman, gaaffiilee jedhan qabachuun hiriira bahanii turan.

Prezidaantiin Yunivarsitii Haramaayaa – Dr. Jamaal Yusuuf, haala achii booda uumame ennaa ibsan, “hiriira sana bahanii ennaa deebi’an barataa tokkoo fi poolisii gidduutti walitti-bu’insa uumameen, barataan sun xiqqoo miidhame. Sun tahuun miira ijoollee jijjiire. Ggaaziin imimmaan ija keessaa yaasu barattootatti biifame. Ijoolleenis dhagaa darbachuu ka’an. Achii booda nutis gidduu gallee, humni ittisaas aara imimmaansu sana akka dhaaban, barattoonnis dhagaa darbachuu akka dhaaban goone. Halkan akkanatti tasagabbaa’ee bule. Mucaa sana, anii fi waahilli kiyya Hospitaala Haramaayaa deemne ilaallee jirra. Xinnoo caba lafee qaba. Garuu, har’a ganamas mormiin sun itti fufee, gommaa gubuu faa ture. Sana irra darbees ibiddi marga qabachuu tu ture. Humni nageenyaa akka duulaatti itti bobba’ee dhaamsee jira. Amma haalli jiru baay’ee gaarii dha,” jedhan, Dr. Jamaal. Gavba

Gaaffiin barattoota Yunivarsitii Haromaayaa kun har’as kan itti fufee oole, ka jedhan – prezidaantiin Yunivaristichaa – Dr. Kamaal Yusuuf, har’a waaree booda barattoota wajjiin marii geggeessuu isaanii dubbatu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:44 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG