Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manaa Gad Ba’uu Hin Dandeenyu, Magaalaan Wuhaan Guutuummaatti Eega Cufamtee Bubbuleera: Barataan Oromoo Magaalatti Keessa Jiru


Yunivarsiitii Wuhaan
Yunivarsiitii Wuhaan

Chaayinaan biyya ishee keessatti namoonni kuma kudhan vaayrasii Koroonaan qabamuu isaanii mirkaneessitee jirti.Vaayrasiin kun lubbuu namoota 213 galaafachuus beeksiiftee jirti.Jaarmayaan fayyaa Addunyaa gama isaan vaayrasiin kun akki itti faca’aa jiru “addunyaaf rakkoo fayyaa kan hatattamaa” ta’u labsee jira.

Magaalaan chaayinaa kan vaayrasiin Koronaa jalqaba keessatti mullatee Wuhaan seenuu ykn ba’uun eega dhorkamee bubbulee jira.Wuhaan keessatti lakkoofsii namoota vaayrasii Koronaan du’anii akkaan dabalaa jira.

Wuhaan keessa ka jiru Yunivarsitii Teknooloojii Wuchaang jedhamu keessatti barataa barnoota Siviil Injinariing kan waggaa 3ffaa kan ta’e Yohannis Solomoon haalli jiru akkaan yaaddeessaa ta’u dubbatee jira. Embaasiin Itiyoophiyaa Beejiing jiru garu lammiwwan keenya baasuun salphaa hin taane jedha.

Gaaffii Deebii Gaggeefame Caqasaa

Manaa Gad Ba’uu Hin Dandeenyu, Magaalaan Wuhaan Guutuummaatti Eega Cufamtee bubbuleera: Barataan Oromoo Magaalatti Keessa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00


XS
SM
MD
LG