Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABO fi KFOn Sababaa Hidhaa fi Hiraarsa Mootummaatiif Oromiyaa Keessa Socho’uu Hin Dandeenye, Jedhan


Paartiin morkattootaa lama, Addi Bilisummaa Oromoo fi Koongirasin Federaalaw Oromoo Oromiyaa keessa sochoonee hojii siyaasaa hojjechuu hin dandeenyee, miseensonnii fi deggartoonni keenya gaaffii malee hidhamaa jiru jechuun komii dhageessisaa jiran.
Rakkoolee isaan mudataa jiran ibsuun Boordii Filannoo Biyyaalessaatti iyyachuu isaaniillee dubbatu. Boordiin filannoo biyyaalessa Itoophiyaa immoo komee paartiileen kun dhiheeffatan irraa ka’uun qaama dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessuu isaa beeksise.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gama isaatin paartileen kun rakkoolee nu mudataa jira, jedhan caasaa mootummaa sadarkaa sadarkaan jirutti himatanii akka furmaatni kennamuuf gohuu tu irra ture, jedha. Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:02 0:00


XS
SM
MD
LG