Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Yunivarsitii Dambi Doolloo Dhiisanii Galan Deebi’anii Barnootni Jalqabame


Pirezidaantii Yunivarsiitii Dambi Doolloo, Doktor Lataa Tasfaayee
Pirezidaantii Yunivarsiitii Dambi Doolloo, Doktor Lataa Tasfaayee

Barattootni Yunivarsiitii Dambi-Doolloo sababaa yaaddoo nageenyaaf barnoota dhaabanii gara maatiilee isaaniitti galanii turan yeroo ammaa ka mooraatti deebi’anii barataa jiran tahuu dubbatu.

Tajaajillli bilbilaa fi intarneetii addaan citee jiru, maatiilee isaanii quunnamuufis tahe fi hojii barnootaa akka rakkoo itti uume himatanii, akka tajaajilichi kennamuuf gaafatanii jiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Dambi Doolloo Doktor Lataa Tasfaayee, “Yunivarsiitichatti nagaan bu’ee, barana yeroo jalqabaaf barattoota 500 ol digirii jalqaban eebbisiisuuf hojjataa jirra” jedhan.

“Barattoota osoo gara maatiitti deebi’anii badanis barbaaduu itti fufneerra” jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan. Caqasaa.

Barattoonni Yunivarsitii Dambi Doolloo Dhiisanii Galan Deebi’anii Barnootni Jalqabame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:41 0:00


XS
SM
MD
LG