Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka Hojii Koo Dhaqeen Vaayiresii Koronaan Qabame: Jiraataa Kutaa South Dakota


Hiriira hojjattonni fi maatiin isaanii Ebla 9, 2020 geggeessan
Hiriira hojjattonni fi maatiin isaanii Ebla 9, 2020 geggeessan

Kutaa South Dakota magalaa Sioux Falls /SUU FOOLS/ keessatti kan argamu kampanii booyyeen itti qalamu kan “Smithfield” jedhamu keessaa kan hojjetan obbo Birhanu Gamada viresii koronaan qabamuu isaanii dubbatu.

Torban tokko dura boqonnaa hojii koo fixee ennaan hojiitti deebi’u namoonni ani waliin hojjedhu baay’een vaayiresii Kanaan qabamaniiru. Filannoo waanan hin qabaanneef utuman beekuun hojiitti deebi’e jedhan.

Hojii jalqabee torban tokko booda mallattoon vaayiresii koronaa waan na irratti mul’ateef ennaan mana qorichaa dhaqee ilaalamu vaayiresichaan qabamuu koo natti himan jedhan.

Yeroo ammaa mana ofii keessatti Qofaatti of baasanii jiru.

Bakka Hojii Koo Dhaqeen Vaayiresii Koronaan Qabame: Jiraataa Kutaa South Dakota
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:09 0:00


XS
SM
MD
LG