Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Walabummaan Preesii Itiyoophiyaa Keessatti Bara Kana Sadarkaa Dura Itti Fooyya’erra Hin jiru"


Walabummaan Preesii Itiyoophiyaa Keessatti Bara Kana Sadarkaa Dura Itti Fooyya’erra Hin jiru, Jedhu, Gaazzeessonnii fi Dhaabbatni Mirga Preesii 

Itoophiyaatti walabumaan Pireesi sadarkaa fooyya'aa rra jirra garuu eega waggaa tokkoo as ariitii ittiin tarkaanfataa ture irra hin jiru, jedhu gaazexeessonnii fi dhaabbatni mirga gaazzexeessotaaf falmu ka sadarkaa Addunyaa – CPJn.

Gaazzexeessonnii fi dhaabbatichi mirga gaazzexeessotaa, CPJn, Guyyaa Preesii kaleessa guutummaa Addunyaatti ayyaaneffame ilaalchisee Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ibsa kennaniin, “biyyattii keessatti bara kana bakka adda addaatti gaazzexeessota hiraarsuu fi hidhuun dabree dabree akka mul’atellee dubbatan.

Abbaan taayitaa Broodkaastii Itoophiyaa gama isaatin waggoottan lamaan darban keessatti jijiiramoonni gama yaada ofii bilisaan ibsachuu nama kamiifuu yeroo kam caalaa kan itti mirkanaa'e, jechuun ibsee, “darbee darbee rakkooleen gaazzexeessota ugguruun ni mul'ata. Kanas tarkaanfii hatattamaa fudhachuun akka sirraa’u gochaa jirra” jedha.

Gabaasaa guutuu caqasaa

"Walabummaan Preesii Itiyoophiyaa Keessatti Bara Kana Sadarkaa Dura Itti Fooyya’erra Hin jiru"
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:22 0:00


Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG