Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baayisaa Guutamaa Abba Nama Hundaa Turan: Jiraattoota Waashiingtan fi Naannoo Ishee


Obbo Baayisaa Guutamaa
Obbo Baayisaa Guutamaa

Obbo Baayisaa Guutamaa Waarii bara 1920 Bachoo ganda Baatuu jedhamtU keessatti dhalatan. Umriin isaanii barnootaaf yeroo ga'eetti magaalaa Walisoo keessa kan jiru mana barumsaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii seenanii barnoota sadarkaa duraa kan baratan yoo ta'u Finfinnee kan jiru mana barumsas Sadarkaa lammaffaa Tafarii Mokkonnoon keessatti barnoota sadarkaa lammataa xumuran.

Obbo Baayisaan barnoota sadarkaa olaanaaf Yunivarsitii Finfinnee seenuun barnoota Akkaawunting jedhamuun xumuruu isaanii seenaa isaanii maxxanfamee tu ibsa.

Obbo Baayisaa Guutamaa
Obbo Baayisaa Guutamaa

Sana booda Waajira Muummicha kan kan Abbaa Taaiytaa Daandiwwanii Itiyoopiyaa(Awuraagodaanaa) keessatti itti anaa hojii gaggeessaa ta’uun baroota dheeraaf hojjataa kan turan yoo ta'u booda immoo itti gaafatamaa kutaa Soorama waajiirichaa ta’uunis baroota dheeraaf hojjataa akka turan seenaa isaanii maxxansame irratti ibsamee jira.

Bara 1992 rakkoo Siyaasaa Oromoo mudateen gara Amerikaatti baqatanii hanga guyyaa du'aan boqotaniitti hawaasa Oromoo naannoo Waashingtoon Diisii jiru waliin jaalalaan jiraatan.

Obbo Baayisaan abbaa Oromoo, abbaa jaalalaa kan nama hunda ija tokkoon ilaalan, jedhu kanneen isaan beekan. Keessumaa gama Oromummaa, aadaa, seenaa, sirna Gadaa fi dhuudhaa Oromoo hawaasa giddutti gad dhaabuu keessatti hojii guddaa hojjachuu isaanii dubbatu.

Obbo Baayisaan Kaansariin qabamanii eega dhukkubsachaa turanii booda dhuma irratti garuu dhukkuba dabalataa Kooviid-19 jedhamuun qabamanii Caamsaa 4 bara 2020 umurii isaanii waggaa dhibba tokkootti du'an boqotan. Sirnii awwaalcha isaanii Jimaata, Caamsaa 08 rawwatamuu oabboleettiin isaanii Aaddee Taaddalach Guutamaa Ibsitee jirti.

Obbo Baayisaa Guutamaa abbaa ijoollee sadii turan. Firaa fi maatii isaaniif jajjabina hawwiina.

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Obbo Baayisaa Guutamaa Abba Nama Hundaa Turan: Jiraattoota Waashiingtan fi Naannoo Ishee
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:09 0:00


XS
SM
MD
LG