Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa Carraa Godaansaa ! Meeqatu Lafa Yaade Dhaqqaba?


Faayilii - Godaantota Itoophiyaa waajjira IOM Yaman magaala Eyden keessatti dabaree eeggatan, Bara 2017.
Faayilii - Godaantota Itoophiyaa waajjira IOM Yaman magaala Eyden keessatti dabaree eeggatan, Bara 2017.

Dargaggonni Itiyoophiyaa 78 daandii Finfinnee irraa gara gama Kibbaatti geessuun Afrikaa Kibbaa dhaqqabuuf imala jalqaban.

Baatilee 6 caalaaf lafoo bosoona gurguddaa keessa adeemuun akkasumas nyaataa fi bishaan dhabuun rakkataa turan.Konkolaataa fe'umsaatti fe'amuuf carraa akka aragataa turanis dubbatu.

Haala akkasiin Kiloomeetra kuma 4 eega imalanii booda magaala Mozaambiik kan "Teetee" jedhamtu yeroo ga'an Konteenara sibilaa keessatti itti cufamee kokolaataa fe'umsaa irratti fe'amanii jiru.

Ulaa sakata'aa Teetee sana yeroo ga'an koonteenara sana keessaa nama gargaarsaaf iyyuu fi konteenaricha tumuutu dhaga'ame.

Sana booda aangawoonni Mozaambiik iddoo sana turan konteenaricha bananii yeroo ilaalan lammiwwan Itiyoophiyaa 64 achii keessatti du'anii argan.

Kanneen lubbuun hafan 14 qofa.Warri lubbuun hafee sana booda attam ta'an? Maal dubbatan?

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Yaa Carraa Godaansaa ! Meeqatu Lafa Yaade Dhaqqaba?
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:43 0:00


XS
SM
MD
LG