Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Lammileen Jibuutii Itiyoophiyaa yoo dhufan Bilisa seenu, nuti Seensa fi Hojiif garuu Qarshii Hedduu Gaaftamna’


Alaabaa Itoophiyaa fi Jibuutii

Lammileen Itiyoophiyaa Jibuutii jiraatan; eyyama jireenyaa fi hojii yoo mootummaa biyyattiirraa gaafannu qarshii hedduu baasuuf dirqamaa jirraa jechuun dubbatu.  

Angawi hawaasa lammilee Itiyoophiyaa Jibuutii jiranii ji’a dabre VOA’f akka himanitti Jibuutiin keessa Itiyoophiyaanota kuma dhibba lamaa oltu jiru. Isaan keessaa hedduun koolu galtummaan, kaan biyya kaanitti godaanuuf ka karaa ilaallachuuf taa’an kaan ammoo warra seeraan galmaayee jiraatu ta’uu himanii turan.

‘Lammileen Jibuutii Itiyoophiyaa yoo dhufan Bilisa seenu, nuti Seensa fi Hojiif garuu Qarshii Hedduu Gaaftamna’ Lammilee Itiyoophiyaa Jibuutii Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:50 0:00

Jarreen kana keessaa keessumaa warri seeraan galmaayee jiraatu, biyyoottan lameen walii galtee Viisaa fi kaan qabaatanus nuti lammileen Itiyoophiyaa as jiraannu eyyama visa fi hojii kaaniif mootummaan Jibuutii gulantaa hedduu nu gaafataa jedhu. Solomoon Taaddelee lammii Itiyoophiyaa Jibuutii jiraatudha.

Innis yoo dubbatu, akka seeraaf gulantaan eyyama jireenyaa fi hojii bakka sadiitti hiramee akka jiru garuu ammoo baasii isaa mootummaan Jibuutii walumatti qabanii isaan kaffalchiisu hime. Fakkeenyaaf ka jireenyaa Firaankii Jibuutii kuma 30, hojii xixiqqaaf kuma shantama, hojii galii giddu galeessaa jedhameef kuma dhibbaa fi ka guddaadha jedhameef ammo Firaankii kuma dhibba lama gaafatamna. Kanaaf jalqaba Beekaa Firaankii kuma 30 si gaafatu sana booda hojii hojjechuu waan qabduuf yoo jiraattu eyyama kaan ka qarshii irra guddaa si gaafatu. Nami hedduun eyyama isa firaankii kuma dhibba lamaa fi soddomaa ykn qarshii Itiyoophiyaa kuma afurtamii afurii olii akka kaffalu kan ta’aa jiru jechuun dubbate, lammiin Itiyoophiyaa kun

Solomoon dabalee yoo dubbatu, lammileen Itiyoophiyaa Jibuutii jiraatan kana kaffaluu waan hin dandeenyeef seeraan alaa jiraatu jedhe. Kunis warra mataa gosaa biyya Jibuutii jiranii qabatanii isaan dawoo godhachuun jiraachuu, kaanimmoo mattaha warra humna nageenyaaf kennaa deemuudha jedhe. Dhumarratti yoo yaada komii qabu goolabu; nuti hagas yoo biyyanatti baasii baasnee eyyama yoo argannu lammileen Jibuutii gara Itiyoophiyaa dhaqan garuu bilisaan darbu jechuun dubbata.

“Gaggeessitoonni Keenya akkamitti akka mallatteessan hin beeku garuu, walii galteen biyyoota lameenii Jibuutiif kan oogedha,lammileen Jibuutii yoo Itiyoophiyaa deeman homaa hin gaafataman, Viizaan kennameefi bilisaan seenu, Itiyoophiyaanonni garuu gara Jibuutii yoo dhaqnu, baayyee carraan cufaadha;, nuti seenuuf kan kottee jechuun qarshii kuma lamafaa kaffalla isaan garuu bilisaan seenu” Solomoon Taaddelee; lammii Itiyoophiyaa Jibuutii jiraatu

Gama biraan akkuma beekamu Jibuutiin miiltoo daldalaa Itiyoophiyaati. Meeshaalee fi waantonni barbaachisoon biyyaaf dhufan karaa Jibuutii ka seenan yoo ta’an omishi Itiyoophiyaan gabaa alaaf ergitu ka Dooniin fe’amu hedduunis karaa Jibuutii darba. Fakkeenyaaf bara 2018 keessa daldala Itiyoophiyaan biyyoota alaa waliin taasiste keessaa dhibbeentaan 95 karaa Buufata Jibuutii ergamuu kanaafis Itiyoophiyaan Doolaara biiliyoona 2 Jibuutiif kaffaluu yeros Jibuutiitti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa Shaameeboo Madeeboo maddawwan oduu mootummaaf ibsanii turan. Meeshaalee fi Omishaalee kana gara biyyaa fi biyya alaattis ka fe’an Waldaalee Geejjibaa gurguddootu jiru. Waldooleen dhibbaa ol ta’an kun ka to’ataman Ministeera Geejjibaan yoo ta’an haala hojii isaaniif mijeessuufis Ministeerri Geejjibaa Federaalaa damee Waajjirasaa Jibuutiidhaa qaba. Waldaaleen Geejjibaa kun garuu Waajjirri Damee Ministeera Geejjibaa Itiyoophiyaa Jibuutii jiru sirnaan nu tajaajilaa hin jiruu jechuun komatu. Bakka bu’aan waldaa Geejjibaa itiyoophiyaa jibuutii jiruu tokko ka maqaan isaanii akka eeramu hin feene waldaaleen Geejjibaa rakkoo hedduu qabuu jedhan. Tokko walii galtee warra Buufata konkolaataa eegan duuka jiru ka amma yeroon isaa irra darbedha. Hojiin kun lammii Jibuutiif ka kenname ta’uu eeranii garuu tajaajila argachuu malle kan irratti walii galame argataa hin jirruu jedhu.

Bakka bu’aan waldaa Geejjibaa Itiyoophiyaa Jibuutii jiruu kun rakkoo karaa warra bakka bu’aa ministeera Geejjibaa mootummaa Federaalaa Jibuutii jiraniin nutti dhufe kun konkolaachistoonni rakkoon yoo isaanirra dhaqqabu akka gargaarsa yeroon hin arganne taasisuu dubbatu. Kanaafis Embaasiin Itiyoophiyaa darbee rakkoo kana furuutti jiraa jedhan.

Sadaffoon Komii baqattootni lammiin Itiyoophiyaa Jibuutii jiran himataniidha. Kanaan amma mootummaan Jibuutii waan manaa bahuu dhorkeef rakkoo keessa jiraachuu himatu irra deddeebiin bakka bu’aan Baqattoota lammiin Itiyoophiyaa ka Jibuutii jiranii yoo dubbatan, Embasiin Itiyoophiyaa Jibuutii jiru lammilee Itiyoophiyaa kaan gargaaruuf yoo socho’u baqattoonni garuu hedduun raakkoo keessa jiru jedhan. Dhaabbileen namoomaas baqattootaaf dhaqqabuu waan hin dandeenyeef hedduun namaa beelaan miidhamaa jiraachuu himu. Baqattoonni kun biyyatti galuuf galmoofnee, deeggarsi ittiin biyyatti deebinee of dhaabnu baayyee xiqqaa waan ta’eef murtee dhabnee asitti hafne baqattoonni hedduunis jedhu.

Komii lammileen Itiyoophiyaa Jibuutii jiran dubbatatan kana qaamolee dhimmi ilaalu gaafannee jirra. Waan waldaalee Geejjibaa Itiyoophiyaa Jibuutii keessa socho’anii, Itti Aanaa Bakka bu’aa damee waajjira ministeera geejjibaa kan Itiyoophiyaa Jibuutii jiruu obbo Derejjee Ashennaafii gaafannee turre isaanis dameen waajjira ministeera geejjibaa as jiru dhimma ka raawwachiisuudha malee ka karoora baasu miti jedhu. Kanaaf nuti ajaja Finfinnee nutti kenname raawwanna malee waana asitti uumnu hin jiru jechaan himata waldaalee kana qolatu.

Komii kana dabalataan ministeera geejjibaarraa odeeffachuuf yaallee turre garuu angawi dhimmi kun ilaalu deebii kennuuf eyyamamoo hin taane.

Komii eyyama hojii fi jireenyaa lammilee Itiyoophiyaa Jibuutii jiranii ilaachisee waajjira Immigreeshinii fi dhimmi lammummaa Itiyoophiyaa Finfinnee akkasumas Dirre Dhawaa jiran, Embasii Itiyoophiyaa Jibuutiis gaafannee turre. Angawootni mootummaa dhimma kanarratti yaada kennuuf fedha hin qabnuu jedhan.

Akka himamutti Jibuutii fi Itiyoophiyaan bara Haylesillaasee walii galtee Viizaa mallateessan. Gulantaa lammileen biyya lameenii yoo biyyoota lamaan jidduu deeman guutuu qaban warra dhimmi kana keessa beeku gaafanneerra. Lammiin Itiyoophiyaa jiraataan Dirre Dhawaa Jibuutii fira qabu yoo himu, firootni isaa Jibuutii gara Itiyoophiyaa yoo dhufan seensarratti viisaa bilisaan argatuu, seenaniis yeroo dheeraaf nu biraa turuu danda’uu jedha. Inni garuu yoo gara Jibuutii dhaqu fuggisoodha. Jiraataan kun paaspoortii Itiyoophiyaan yoo jibuutii dhaqu kaffaltii viisaa, waraqaa talaallii turtiin inni achitti qabaatus murtaa’aa ta’uu hime.

“Duraan Viisaan Jibuutii baayyee mi’aa ture, ji’a sadiif qarshii kuma 3 dhibba 5’n siif rukutama ture, amma garuu dhibba 8’n siif dhahama” Jiraataa Dire Dhawaa.

Itiyoophiyaan ammas walii galtee Viisaa bara Hayle Sillaasee mallatteeffame Mootummaa Keeniyaa waliinis qabdi. Hordoftoota keenya dhimmi kanirratti warri angawaa Immigreeshinii mootummaa yoo deebii nuuf kennu ta’e kan isin biraan geenyu ta’a.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG