Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Haadha Hayyu-duree ABO, Aadde Alamii Gaarii Bakka Maatii fi Firoonni Argamanitti Aanaa Horroo Abuunaatti Raaw'atame


Hayyu-duree ABO, Aadde Alamii Gaarii Bakka Maatii fi Firoonni Hedduun Argamanitti Aanaa Horroo Abuunaatti Awwaalaman
Hayyu-duree ABO, Aadde Alamii Gaarii Bakka Maatii fi Firoonni Hedduun Argamanitti Aanaa Horroo Abuunaatti Awwaalaman

Aadde Alamii Gaarii Jimaata dabre, Akka Lakkoobsa Itiyoophiyaatti Caamsaa 7, bara 2012 Finfinneetti ka du’aan boqotan yoo tahu, sirni awwaalcha isaanii, bakka ijoolleen isaanii Obbo Daawud Ibsaa fi Do’ii Ibsaa, akkasumas jaallewwan qabsoo Obbo Daawud, maatii fi firooonni ka biroon ka biroon argamanitti Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Horroo Abuunaa, bakka addaa Bonee Abuunaa jedhamutti raaw’atamee jiran.

Sirni Awwaalcha Haadha Hayyu-duree ABO, Aadde Alamii Gaarii Bakka Maatii fi Firoonni Argamanitti Aanaa Horroo Abuunaatti Raaw'atame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:47 0:00

Sirna mootummoota Iiyoophiyaa dabranii jalatti gidirfama hamaa ka dabarsan Aadde Alamiin, keessumaa sirna mootummaa Dargii jalatti ilma isaanii mana hidhaa Shaanbuutti hidhamee ture Obbo Daawud Ibsaaf galaa geessuu deemanii, otuu wal-bira hin ga’iin Obbo Daawud rasaasaan rukkutamuun na’anii akka miilli isaanii laamsha’ee hafe dubbatu intalli isaanii, Aadde Do’ii Ibsaa.

"Haatikoo koo hin duune carraa qabeettiidha. Osoo du'a mucaa koon dhaga’a jettee yaaddoon eegduu fayyaatti argitee, hammattee, dhungattee, yeroon waliin qabaattee boqotte,” jedhu – Aadde Do’iin. Gabaasaa guutuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG