Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Dhibee Beeyladaa Hedduutu Qabeenya Horsiise Bulaa Miidha; sanaaf fala fiduu barbaada’ Dokter Fraa’ol Waaqoo


Ogeessonni kaan fi Dr. Firaa'ool horii pilaastika nyaattee dhukkubsataa turteef yaalii yeroo godhan
Ogeessonni kaan fi Dr. Firaa'ool horii pilaastika nyaattee dhukkubsataa turteef yaalii yeroo godhan

Dookter Friaa’ool Waaqo Duubaa dhalatee ka guddate, magaala Yaa’a Ballootti. Bara 2018 Yuuniversitii Finfinnee Muummee Barnoota Fayyaa Beeyladaa Bishoofturraa kan eebbifame Firaa’ol akkuma barnoota isaa fixeen godina horii beeyladaa hedduun beekamu Booranatti ramadamee hojiirra jira.

Torbee darbe Godinuma kana Aana Dhaas Keessatti horii pilaastika nyaattee dhukkubsataa turteef yaala baqaqsanii hodhuun pilaastika kiiloo 20 tti tilmaamu garaa baasuu hime.

‘Dhibee Beeyladaa Hedduutu Qabeenya Horsiise Bulaa Miidha; sanaaf fala fiduu barbaada’ Dokter Fraa’ol Waaqoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:12 0:00

Dr. Firaa’ol abbaan qabeenyaa loon goromsa yaala argattee mallatoo loon yoo pilaastika nyaattu agarsiisu waan agarsiisteef horii kiyyaaf fala naa barbaadaa jedhanii nutti fidan jechuun dabalee hime. Sana booda haala yaala baqaqsanii hodhuun barbaachisuun goromsattii san nyaata male sa’a 24 erga tursineen booda waldhaansa kana taasifneef jechuun hima.

Dokter Firaa’ol yaaliin baqaqsanii hodhuu akkasii godina booranaa keessatti kan beekame miti; kunis ka tahe sababa hanqina meeshaa fi qoricahaa godinicha keessatti mullatuuni jechaan himeeti jira. Yaali kun haala gaariin waan milkaayeef nama kaan biratti hubannoo uumee jiraa naa fi hiriyoota koo waan kana raawwanneef ammo gammaachuu fi hamilee nuuf ta’eeras jedhe, VOA’tti yoo dubbatu.

‘Kanaan dura Godina kana keessatti waan ta’ee hin beekne dha; hawaasa horsiisee bulaaf barnoota dansa’ Dookter Firaa’ol Waaqoo; Ogeessa Fayyaa Beeyladaa

Obbo Areero Carii jiraataa Aanaa Dhaasi; horii horsiifatanii ka bulan obbo Areero, loon torbee darbe yaala argatte haala gaariirra jiraachuushee himan. Obbo Areero’ dabalanii yaalli akkasii kun Godina Booranaatti baballachuun baayyee barbaachisaa dha jedhan. Keessumaa nami eeggannoo male pilaastika fayyadamuun dabalaa waan dhufeef, horiin hedduun pilaastika nyaatan miidhamaa jiraachuu eeran. Yoo akeekkachiisanis Aab Areero Carii, horiin pilaastika nyaatte, yoo bonni dhufu hin dandamattu, salphaatti duuti waan taateef yaaliin akkasii dansa tahuu dhugaa bahan.

‘Talaalliin horiif wagga waggaan silaa kennamu Tureera’ Dookter Firaa’ol Waaqoo

Dookter Firaa’ol qabeenya beeyladaa Godina Booranaatti ammas balaatu as deemaa jechuun akeekkachiise; silaa ji’aan dura talaalliin beeyladaa taasifamuu qabu haga yoonaa hin gaggeeffamin jiraa jechaanis dubbata. Akka Dookter Firaa’ol jedhutti talaalliin kun ka kennamuu dhabeef sababa xiyyeeffannoon manneetii hojii mootummaa gara dhibee Kooronaa ittisuu ta’eefi. Talaalliin kun kennamuu dhabuun beeyladoonni Godinicha keessa jiran dhibeef saaxiluu mala kunis ji’oota sadan dhufan keessatti horiirratti mullachuu mala jedha.

Dookter Qaasim Guyyoo Galgaloo itti gaafatamaa waajjira qabeenya misooma Beeyladaa Godina Booranaati. Yaaliin beeyladoonni yoo dhukkubtan baqaqsanii hodhuun kennamu barbaachisaa ta’uu dubbatan. Horii pilaastika nyaatte callaaf odoo hintaane horiiwwan dhukkuba kaan qabaniifillee barbaachisaa ta’uu himus Dookter Qaasim. Kanaafis yaala fayyaa horii akkanaan kennamu Aanotii 13’n Godina Booranaa keessatti baballisuuf itti jirraa jedhu. Komii Dookter Firaa’ol hanqina qorichaa fi

meeshaa ilaalchisee dubbates gaafatamanii yoo deebisan, duraan waajjirri beeyladaa xiyyeeffannoo waan hin qabneef meeshaa barbaachisu argachuun rakkoo ture jedhu. Amma garuu waajjirri isaanii dhabbilee miti mootummaa waliin ta’uun meeshaa yaala fayyaa akkasumas qoricha horsiisee bulaaf barbaachisu guuttataa jiraa jedhan.

Inni biraan Ka Dookter Qaasim gaafataman waan talaallii beeyladootaa ture jedhameeti. Kanaafis yoo deebii kennan, talaalliin kun sababa duula kooronaa akka harkifate ifoomsan. “Silaa ji’aan dura kennama ka jedhan talaalliin beeyladaa, amma tureera garuu Waajjirri Keenya torban dhufu kanarraa kaasuun beeyladoota godinicha keessa jiran maraaf kennuuf qophii fixeera” jedhan

Dargaggeessi ganna 27, yaala fayyaa Beeylaan yuuniversitii Finfinneerraa eebbifamee Booranatti hojiirra ka jiru, Dookter Firaa’ol waan hedduu yaadaa qaba jedha. Keessumaa Godina Booranaatti ka horii horsiise bulaa miidha jedhe, dhibee somba loonii fi dhibee somba re’eerratti qorannoo gaggeessuu akka barbaadu dubbata.

XS
SM
MD
LG