Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Hiriira Waan Baaneef Hidhamaa Jirra"


(Suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Tigraay magaalaa Qoraariit keessattinamoonni hiriira ba'an kanneen 150 caalaan guyyaa lama keessatti hidhamuu jiraattonni VOAf ibsanii jiru.

Gaaffiin isaanii lafa gadhiisaa jedhamnee gadhiifneef hirphii nuuf haa kennamuu,laftii dheedichaa nuuf haaqophaa'uu akkasumas bifa haaraan magaalaalee gurmeessuuf hojii hojjatamu keessatti waajiira bulchiinsa lafa qonnaa fi baadiyyaa nuu haa banamuu kan jedhu ture.

Angawoota magaalatti keessaa keessaa tokko Obbo Kidaana-Maariyaam Abbaay akka jedhanti gaaffii isaanii sirrii akka ta;e ni amanna waan ta'eef irraa jala deebii itti laanna jedhan.

Lakkoobsi namoota hidhaman jedhamee ol-kaafameera jedhanii warrii misooma barbadeessanii fi daandii cufuun danqaa uuman seera duratti dhiyeeffamu jechu isaanii Muluugeetaa Atsebahaa gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG