Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Dhukkuba Koviid-19 qabamuun Rifaatuu Tokko,  Maatii Ofii Irraa Adda Ba'uun Immoo Rakkoo Biraa Natti Ta'e"


Obbo Abiyoot Kabbadaa
Obbo Abiyoot Kabbadaa

Obbo Abiyoot Kabbadaa Qana'aa Yunaaytid Isteetis, Kolombos Ohaayoo keessa kan jiratan yoo ta'u abbaa daa'imman xixxiqqoo lamaati. Haatii warraa isaanii ulfa baatii torbaa ti.

Harmeen Obbo Abiyoot Oromiyaa irraa ilma isaanii dubbisuuf dhufanii utuu bira jiranii Obbo Abiyoot baatii Caamsaa darbee dhukkuba Koviid-19n qabamuu isaanii dhagahan.

Obbo Abiyoot dhibbee isaan mudate kanatti rifatanii gadda guddaa keessa galanii akka turan ibsanii keessumaa daa'imman isaanii of-irraa ittisuun ijoollee waan mufachiseef jecha maatii irraa adda ba'anii siree kireeffatanii hoteelatti galuu isaanii dubbatu.

Eega achitti dandamatanii booda fayyanii maatii ofitti deebi'uuf carromanii jiru Obbo Abiyoot. Maatiin isaanii dhukkuba Kovidiin qabamanii laata?

Gaaffii fi deebii gaggeeffame guutuummaa isaa caqasaa.

"Dhukkuba Koviid-19 qabamuun Rifaatuu Tokko,  Maatii Ofii Irraa Adda Ba'uun Immoo Rakkoo Biraa Natti Ta'e"
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00


XS
SM
MD
LG