Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Booranatti ammas Namoota Lamarratti Dhibeen Kooronaa Argame


Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti ammas dhibeen Kooronaa namoota lamarratti argamuun himamee jira. Waajjirri Eegumsa Fayyaa aanaa Mooyyalee, nami tokko Jijjigaa ka dhufe kaan ammoo Naayroobii dhokannaan gara biyyaatti kan deebite ta’uu ifoomseera.

Godina Booranatti ammas Namoota Lamarratti Dhibeen Kooronaa Argame
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:28 0:00

Obbo Jaarso Maallisee, hoogganaan waajjira eegumsa fayyaa aanaa Mooyyalee namoota kana lamaan duuka warra gidduu kana wal argan kaan adda baafneerra kaan ammo barbaadaa jirra jedhan VOA’f yoo dubbatan.

Jiraataan Aanaa Guchii dhibeen kun irratti argame Magaalaa Jijjigaa ka dhufee adda of baase tahus, karaa irratti, magaala Shaashamannee akkasumas Yaaballottillee namaan waan wal argeef sanallee warra qajeelcha fayyaa godina Booranaa duuka qorataa jiraachuu mirkaneessan.

Obbo Jaarsoon jiraataan aanaa Guchii ka dhibeen kun irraatti argame nama ganna 21 ta’uu eeranii ka Naayroobii Iisliitii dhufte ammoo dubartii ganna 37 ta’uu dubbatan. Dookter Alii Galagaloo Meedikaal Diirekterii Hospitaala Mooyyaleeti, jiraattuun Mooyyalee ka Naayroobii dhuftee dhibeen irratti argame namoota ishee duuka wal argan kaan barbaadaa jirra ammayyuu jedhu.

Dabalanii yoo ibsan, erga dhuftee Moyyaale seentee guyyaa sadii ta’uu, eeruu ollaatiin akka saamudishee iakka laalames himanii, namootni 12 haga yoonaa ollaasheerraa adda bahanii kophaa jiru, kaan ka dhokatan ammoo barbaadaa jirraa jedhan.

Dr. Ali haala namootni kun lameen irra jiran yoo dubbatan, ammaaf mallatoo addaa akka hin agarsiisne eeranii ogeeyyiin fayyaa isaan hordofaa jiru jedhan.

Dablaniis Hospitaalli Mooyyale ka nama 75 dhibee kooronaa dhukkubsatan ciibsuuf qophaaye ammaaf ciisicha 45 qofaa akka qabus dabalanii ibsaniiru. Jaarso Maallisee Hoogganaan Waajjira fayyaa Aana Mooyyalees, amma nami 32 ka dhiyeenya karaa Mooyyalee gara biyyaa galan akkasumas ka warra dhukkubi irratti mullate lameen kana faana wal argan jedhaman adda baafamanii akka jiran himanii, ammas konkolaataan daangaa biyyoota lameeni akka hin qaxxaamurre dhorkamus nami miilaan qaxxaamuruun hin dhaabbanne kanaaf hawaasi naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa akka of eegu akeekkachiisanii jiru.

XS
SM
MD
LG