Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiinxala Waa'ee Hidhaa Oromiyaa Keessaa [kutaa 2ffaa]


Gimbii, Walaga Lixaa
Gimbii, Walaga Lixaa

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo Mootummaa fi Riphe-loltoota jidduu jiru furuuf mariin taasifamutti yoo affeerame hirmaachuuf qophii dha - jedhu, miseensi Shanee Gumii ABO, Obbo Mikaa’el Booran.

Gama biraan, Paartiin Kongirasii Federaalawa Oromoo KFO’n “rakkoon mudataa jiru furmaata Siyaasaa barbaada” jedha.

Dhimma hidhaa Oromiyaa bakkawwan adda addaatti mul’atu ilaalchisee ka yaada isaanii kennan Yunivarsiitii Arsiitti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa, Badhaasoo Kinniisoo , “Tarkaanfiin mootummaadhaan fudhatamu Humnoota mootummaa morman dhabamsiisuutti ka fuuleffate” jedhan. Hayyuun ka biraan, Yunivarsitii Ambootti barsiisaan Gaazexessummaafi Komunikeeshinii - Piroofeesarri Gargaaraan Dahaannoo Indaaluu “kahumsi gaaga’amaa mudataa jiruu, odeeffannoo sirrii tahe dhabuu irraa ti” jedhu.

Kanumaan wal qabatee, ogeessi seeraa namoota siyaasaa yakkaan himatamaniif abukkaattoo tahuun dhaabbatan Doktor Tokkummaa Dhaabaa deemsa kenniinsa Haqaarratti rakkoowwan mudatan, jedhanii fi waan furmaata taha jedhan ibsanii jiru. Nakoor Malkaa, gabaasaa isaa kaleessaa irraa kan itti fufe, kutaa lammataa dhiheessa.

Xiinxala Waa'ee Hidhaa Oromiyaa Keessaa [kutaa 2ffaa]
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:59 0:00


XS
SM
MD
LG