Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Koviid  fi Itiyoophiyaa


Faayilii - Bakka harka itti dhiqatan tola-ooltotan qophaahe, Amboo, Oromiyaa
Faayilii - Bakka harka itti dhiqatan tola-ooltotan qophaahe, Amboo, Oromiyaa

Itiyoophiyaa keessatti lakkoobsi namoota dhukkuuba vaayrasii Koronaan qabamanii 4663 kan ga'e yoo ta'u kanneen du'an immoo 75 ga'u ministriin eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Dhukkuba kanaaf jecha labsii yeroo hatattamaa labsamee keessa deebi'anii ilaaluun foyyeefama seeraa ta'een namoonni biyya alaa irraa Finfinnee seenan torban tokko qofaaf adda baafamanii akka ka'aman ta'e jira.

Gama kaaniin namoonni Itiyoophiyaa seenan martii waraqaa ragaa dhukkuba Koviid-19 irraa walaba ta'u isaanii agarsisuu qabaachuu qabu.

Namoonni vaayrasii Koronaan qabamanii akka hamaatti hin dhukkubsatiin hospitaala akka seenan hin dirqisiifaman.

Kana malees, warri dhukkubsatanii mana jireenyaa guddaa qaban mana ofii keeessatti adda of-baasanii yaalamuu danda'uu.

Qaamnii namaa dhukkuba of-irraa ittisuuf humnii qabu kan Antii Bodii jedhamu kan ilaaleen Waxabajjii 15 hanga Adooleessa 7 bara 2012tti qorannaan kan gaggeeffamu ta'uun ibsamee jira.

Gama kaaniin sabaa himaa ykn Midiyaan Itiyoophiyaa keessaa sababa dhukkuba kanaan wal qabatee beeksisii adda addaa kan silaa uummataa dhiyaatee madda galii ta'uuf waan xiqqaateef jecha rakkoof saaxilamuu ibsanii jiru.

Sababaa rakkoo kanaan dilaala argatan harka 60 dhabanii hojjattootaaf mindaa baasan dhabuu fi kaan immoo cufamuun ibsamee jira.

Kanaafis mootummaan deggersa maallaqaa akka godhuuf gaafachuuf akka jiran gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG