Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Gullisootti Maanguddoo Suuraan Isaanii Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Tamsa’ee fi Harka-qalleeyyii Ka Biroof Taasisame 


Maanguddoo godina Wallaggaa Lixaa, aanaa Gullisoo, suuraan isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti baay’inaan qoodameef deggersi akka taasisamaafii jiru, Qindeessaan dhaabbatni tola-ooltota Waldaa Dhalattoota Gullisoo fi Naannoo ishee jedhu himee jira.

Waldaan kun namoota galiin isaanii gadi bu’aa tahe 180 tahaniif deggersa midhaan nyaataa fi Zayita nyaataa akkasumas buufata fayyaaf ammoo meeshaalee qulqullina harkaa ittiin eeggatan gumaachuu dubbateera. Sababaa garaa garaan namoota namoota rakkoof saaxilamaniif birmachuun ni barbaachisa jedha.

Dhimmuma kanarratti kan yaada isaanii kennan, ogeessi dinagdee Doktor Guutuu Teessoo, hojii deggersaa hojjatamu biratti, rakkoo Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa bifa waarawaan furuurratti hojjatamuu qaba jedhan.

Gargaarsa Gullisootti Maanguddoo Suuraan Isaanii Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Tamsa’ee fi Harka-qalleeyyii Ka Biroof Taasisame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:25 0:00


XS
SM
MD
LG