Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Waashingtan Ugguura Koronaaf Keesse Kaasuu Jalqabdee Jirti


Magaalaan Waashingtan Dii Sii (DC) ugguura sababaa dhukkuuba Koviidiin keesse Suuta Kaasaa Jirti.

Daldallii hangii tokko jiraattoota naannoo fi Turistoota daawwannaaf dhufaniif banamaa kan jiran yoo ta'u iddowwan duraan uummanni naannoos ta'e iddoo biraa dhufu itti heddumaataa ture amma of eeggannaan namoota hanga tokko qofaaf banaa jiru.

Bulchituun magaala Waashigtan Muriyal Bawsar akka jedhanti magaalattiin ugguura laaffisuu kan sadarkaa lammaffaa seenuuf jirti.

Kunis namoonni 50 ta'an walitti qabamuu danda'uu ka jedhu.Suqilee manneen nyaataa, bakka amantii fi kannen biroo 100 keessaa harka 50 banamuuf jira jedhu.

XS
SM
MD
LG