Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Ol’aanoon Adda Bilisummaa Oromoo Sadii Har’a Mana Isaaniitii Qabamanii Fudhatamuu, Dhaabichi beeksisee Jira


Hoggantoota ABO guyyaa harraa hidhaman

Waajira dhaabichaa Gullallee jiru irraa itti-gaafatamaan Liigii Dargaggootaa ABO, Obbo Gadaa Gabbisaa VOAtti akka himanitti, miseensonni shanee Gumii dhaabichaa Obbo Mikaa’el Booran fi Obbo Kennasaa Ayyaanaa, gorsaa ol’aanaan dhaabichaa, Obbo Shuggux Galataa, akkasumas, eegdonni isaanii lama har’a waaree booda qabaman. Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti gara sa’aa saddeetii mana isaanii naannoo Addisuu Gabayaa jiru irraa humnoota poolsisii Finfinneetiin qabamanii fudhataman, ka jedhan – Obbo Gadaa Gabbisaa, eessatti akka geessaman haga gabaasaan kun qindaa’eetti kan hin beekne tahuu dubbatan.

Gaaffii fi deebii gabaastuu VOA, Tsahaay Daamxoo waliin geggeesine caqasaa.

Hogganoonni Ol’aanoon Adda Bilisummaa Oromoo Sadii Har’a Mana Isaaniitii Qabamanii Fudhatamuu, Dhaabichi beeksisee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00


XS
SM
MD
LG