Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Torbanneen Sadiif Cuftee Kan Turte Tajaajiila Intarneettii Hanga Tokko Bante


Itiyoophiyaan Torbanneen Sadiif Cuftee Kan Turte Tajaajiila Intarneettii Hanga Tokko Bantee Jirti.

Ajjeechaa wellisaa Haacaaluu Hundeessaa booda hokkara uumamee sana booda tajaajilli kun addaan cite.

Angawoonni akka jedhanti mootummaan dhaamsawwan midiyaa hawaasaa irratti dhiyaatan caalaatti hokkara biyyatti keessaa hammeessa jechuun cufan.

Jaarmayaan tajaajiila intarnetti hordofuu Neets Blook kibxata kaleessaa galgala akka ibseetti tajaajilli intarneettii kanneen keebliin hojjatan hangi tokka tajaajiila eegalanii jiru.

Garu kan gama bilbila harkaan hojjatu amma iyyu akka cufameetti jira jechuun Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG