Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajajaan waraana Somaaliyaa Ajjechaa Irratti Agaamamee Jalaa Olaanii Jiru


Jeneraal Odowaa Yusuuf Rageh wiixata dabree mooraa ministrii ittisaa kan Moqadishoo keessa jiru gadhisanii akka ba'anti haleellaan kun gaggeeffame.

Yoo xiqqaate namnii tokko ajjeefamee kanneen biroon lama mada'anii jiru.

Haleellaan kun kokolaataa dhuka'an guutameen kan gaggeeffame yoo ta'u humnootiin nageenyaa kan Somaaliyaa namicha kokolaataa sana ofaa fi haleellaa geesisuuf ture dhohinsii ituu hin dhaqqabin dura ajjeessan.

Yaaliin ajjeechaa aangawaa sadarkaa olaanaa kan waraanaa irratti ennaa gaggeeffamu kun waggootii hedduu keessatti ka duraati jedhamee jira

XS
SM
MD
LG