Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa keessatti Busaan Hammaachaa Dhufuun Himame


Bulchiisa naannoo Amaaraa keessatti baatiilee sadeen dabran keessatti namoonni kuma dhibba tokkoo ol tahan dhibee busaatiin qabamuu Instiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa naannoo beeksisee jira.

Inistiitiyuutichi akka jedhutti, baatiilee sadan dabran keessatti namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamii toorba tu dhibee Busaatiin qabame.

har’a irraa jalqabee ka biyyattii keessatti yaadatamu Guyyaa Dhibee Busaa ilaalchisee, duulli waa’ee dhukkubichaa uummata hubachiisuu akka geggeessamus, Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraa hubachiisee jira.

Inistiitiyuutii Fayyaa Uummataa Naannoo Amaaraatti, Qindeessituun dhimma dhibee Busa, aadde Maastewaal Worquu, haala dhibee Busaa naannoo isaanii keessaa ennaa ibsan lakkoobsi kun ka bara dabre yeroo akkanaa ture waliin ennaa wal-bira qabamee ilaalamu, amma baay’ee dabaluu isaa ka dubbatan – Aadde Maastewaal, keessumaa naannoo Amaaraa gama Lixaa keessatti lakkoobsi miidhamtootaa baay’ee ol’aanaa tahuu hubachiisan. Naannoo Amaaraatti, itti-gaafatamaan Biiroo Fayyaa – Dr. Melkaamuu Abbixee, weerara Busaa godinaalee naannoo Amaaraa hunda keessatti dabalaa dhufe kana to’achuudhaaf uummatni of eeggannaa barbaachisu akka godhu hubachiisan.

Bara dabre keessatti keemikaala Farra-Busaa biifameen, uummata Miliyoona tokkoo ol dhukkubicha irraa oolchuun akka danda’ame Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannoo sanaa dubbatee jira, jechuun, Asteer Misgaanaaw, Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG