Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muddama Mootumma Federaalaa fi Kan Naannoo Tigraay Hiikuun Itti Gaafatama Komiishina Araaraa Miti: Hojii Geggeessitoota Komiishinichaa 


Hojii muddama mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraayi gidduu jiru hiikuun, itti gaafatama komiishina araaraaf kenname akka hin ta’in ta’in geggeessitoonni hojii komiishinichaa beeksisan. Komiishinichi labsii dhaan erga hundeeffamee booda yeroo hedduu kan fudhate hojii isaa inni ijoon ofii isaa ijaaruuf hojii isaa ijoo dhaaf haalawwan mijeessuu akka ture illee ibsamee jira. Komiishinichi araaraa har’a waaree irratti ibsa gaazixeessotaaf kenne irratti barreeffama gabaabaa raabseen, kan irratti fuuleffate baatilee sadan darban hojii hojjedhe jedhe adda addaa irratti ture.

Haa ta’u malee qiyaafati gaazixeessonni biyyattii keessatti muddama uume jedhanii kan yaadan mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduu falmii jiru irratta ka fuuleffatan fakkaata.

Komiishinichi kana qaamotii kana walitti araarsuuf walitti fiduuf maal hojjete jechuun gaazixeessota adda addaa biraa gaaffii dhiyaatee jira. Iitti aantuu komishinera kan ta’an Yetnebersh Nigusee deebii kennaniin

Mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduu muddamni jiru, nuyiif mootummoonni lamaan mootummoota fudhatama qabani. Kanaaf rakkoo mootummaa federaalaa fi naannoo gidduutti uumamu hiikuun kan komiishina nagaa fi araaraa miti. Ifaa fi ifatti kan mana maree federeeshinii ti. Haa ta’u malee akka lammii fi akka komiishina dhuunfaatti kan nuti gochuu dandeenyu tasgabbaa’anii akka dubbatan gaafachuu fi yoo mari’achuu barbaadan immoo nuti qophee dha jedhan. Jechuun meleskachoo amha gabaasra.

XS
SM
MD
LG